Publicidade

Isaías 24

Waaqayyo Lafa Ni barbadeessa

1 Kunoo, Waaqayyo lafa ni onsa;

ishees ni barbadeessa;

inni ishee gaggaragalchee

warra ishee irra jiraatan bittinneessa;

2 Kan saba irra gaʼu luba irra,

kan garbicha irra gaʼu gooftaa irra,

kan garbittii irra gaʼu giiftii irra,

kan bitataa irra gaʼu gurgurataa irra,

kan isa ergifatu irra gaʼu, isa ergisu irra,

kan liqeeffataa irra gaʼu, isa liqeessu ni gaʼaatii.

3 Lafti guutumaan guutuutti ni onti;

guutumaan guutuuttis ni saamamti.

Waaqayyo waan kana dubbateeraatii.

4 Lafti ni gogdi; bifti ishees ni geeddarama;

addunyaan ni bututti; bifti ishees ni geeddarama;

gurguddoonni saba lafaas ni bututu.

5 Lafti saba isheetiin xuroofteerti;

isaan seeraaf ajajamuu didan;

sirnaan buluu didanii

kakuu bara baraa sana cabsaniiru.

6 Kanaafuu abaarsi lafa balleessa;

sabni ishees balleessaa isaatiif adabama.

Kanaafuu jiraattonni lafaa ni gubatu;

nama muraasatu hafa.

7 Daadhiin wayinii haaraan ni goga;

mukni wayiniis ni coollaga;

warri gammadan hundinuu ni aadu.

8 Dibbeen sagaleen isaa namatti tolu ni calʼisa;

wacni fandalaltootaa qabbanaaʼeera;

baganaan nama gammachiisus calʼiseera.

9 Isaan siʼachi sirbaa daadhii wayinii hin dhugan;

dhugaatiin jabaan warra isa dhuganitti ni hadhaaʼa.

10 Magaalaan diigamte sun ontee hafti;

akka namni tokko iyyuu ol hin seenneef manni hundi ni cufama.

11 Isaan daadhii wayinii dhabanii daandii irratti booʼu;

gammachuun hundi gaddatti geeddarama;

ililchuun hundis lafa irraa dhabama.

12 Magaalaan sun diigamtee hafti;

karri ishees ni caccaba.

13 Akkuma yeroo mukni ejersaa dhaʼamuu fi

akkuma yeroo wayiniin galfamutti qarmiin hafu taʼu sana,

lafa irratti saboota gidduuttis

akkasuma ni taʼa.

14 Isaan sagalee ol fudhatanii gammachuun iyyu;

gama lixa biiftuutti ulfina Waaqayyoo labsu.

15 Kanaafuu isin baʼa biiftuu irraa Waaqayyoof ulfina kennaa;

qarqara galaanaattis maqaa Waaqayyo

Waaqa Israaʼel leellisaa.

16 Nu moggaa lafaa irraa faarfannaa,

"Isa qajeelaa sanaaf ulfinni haa taʼu" jedhu dhageenya.

Ani garuu akkanan jedhe;

"Ani bade, ani bade! Anaaf wayyoo!

Gantoonni ni ganu!

Gantoonni gantummaa isaaniitiin ganu!"

17 Yaa uummata lafa irraa,

sodaan, qilee fi kiyyoon si eeggatu.

18 Namni sagalee goolii baqatu kam iyyuu

qilee keessa buʼa;

namni qilee keessaa ol baʼu kam iyyuu

kiyyoodhaan qabama.

Foddaan samiiwwanii banameeraatii

hundeewwan lafaa ni raafamu.

19 Lafti baqaqxeerti;

lafti gargar baateerti;

lafti akka malee raafamteerti;

20 Lafti akkuma nama machaaʼee gatantarti;

isheen akkuma daasii bubbeedhaan raafamti;

yakki fincila ishee akka malee itti ulfaateera;

isheen ni jigdi; deebitees hin kaatu.

21 Waaqayyo gaafas

humnoota samii, samii irratti,

mootota lafaa immoo lafa irratti ni adaba.

22 Isaan akkuma hidhamtootaa

boolla keessaatti walitti qabamu;

manni hidhaa itti cufamee

guyyaa hedduu booddee adabamu.

23 Jiʼi ni burjaajofti; aduunis ni qaanofti;

Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu,

Tulluun Xiyoon irrattii fi Yerusaalem keessatti

fuula maanguddootaa duratti ulfinaan ni moʼaatii.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-