Publicidade

Sabedoria

Por Bíblia Online

A sabedoria é um dos temas mais ricos da Bíblia. O temor do Senhor é seu princípio, e buscá-la vale mais que ouro ou prata. Deus promete dar sabedoria generosamente a quem pedir com fé.

O princípio da sabedoria

O temor do Senhor é o início de toda sabedoria verdadeira. Quem reverencia a Deus aprende a viver com discernimento e prudência.

Gorsa Dargaggeeyyi’iif Kenname

Qarummaan jalqabaa,

Mootii Waan Maraa sodaatiisa;

gowwooleen ammoo,

qarumma’aa fi gorsa tuffatti.

Qarummaan jalqabaa Mootii Waan Maraa sodaatiisa;

Woyyicha san beekiisi hubantii dhaggatiisa.

Mootii Waan Maraa sodaatiis qarummaa nama barsiisa;

ulfinna dhaggatiisaan dura gad ifi qabiisatti jira.

Qarummaan jalqabaa

Mootii Waan Maraa sodaatiisa;

worri ajaja isaa hordofu hubantii dansaa qaban;

kolbaan haga bara baraa

Mootii Waan Maraa saadatu’uu malte.

«Ammoo qarummaan eessatti dhagganti?

Addeen hubanti’ii eessa jirti?

Qarummaan lafa nami le’u keessatti hin dhaggantu;

namille gatii isi’ii hin beeku.

Qileen abbaaya’aa,

Qarummaan na keessa hin jirtujetti;

abbaayaalle, Qarummaan na bira hin jirtujetti.

Qarummaan worqii qullu’uun hin bitantu;

gatiin isi’iille meeti’iin hin madaalantu.

Gatiin isi’ii worqii gatii guddo’ootiin,

dhakaa Sardoniikisjedhamuun

yookiin dhakaa, Safiirosjedhamuun wol hin qixxawu.

Worqi’ii fi daaw’itiilleeen

wol hin qixxoottu.

Dooqa worqii qullu’uulleeen

hin jijjiirantu.

Gatiin qarumma’aa dooqa gatii guddo’ootii fi

dhakaa gatii gudda’ootiin wol hin qixxoottu;

elellaan diintuulle caalti.

Qarummaan dhakaa gatii guddo’oo ka Itoophiya’aa,

ka Xophaaziyonjedhamuun wol hin qixxoottu;

worqii qulluu gatii guddo’oolleeen wol hin qixxoottu.

«Eegasuu qarummaan eessaa dhutti ree?

Addeen hubantiin jirtu eessa ree?

Isiin ila dada maraa duraa dhokatteerti;

sinbirrootaayyuu dhokatteerti.

Badi’ii fi duuti,

Nuuti oduu isi’ii qofa

gurra keennaan dhageennejedhan.

Sabedoria como dom de Deus

A verdadeira sabedoria vem do alto. Deus a concede generosamente a quem pede com fé, sem lançar em rosto a fraqueza humana.

Nami isin keessaa qarummaan dhidhatte yoo jiraate, Waaqa nama maraaf arjumma’aa fi komii malee kennu gaafatuu ti! Innille isaaf hin kenna.

Nami isin keessaa qarummaan dhidhatte yoo jiraate, Waaqa nama maraaf arjumma’aa fi komii malee kennu gaafatuu ti! Innille isaaf hin kenna.

Nami isin keessaa qarummaan dhidhatte yoo jiraate, Waaqa nama maraaf arjumma’aa fi komii malee kennu gaafatuu ti! Innille isaaf hin kenna.

Mootiin Waan Maraa, qarummaa waan namaa kennuuf,

beekkumsii fi hubantiin isa biraa dhufan.

Mootiin Waan Maraa, qarummaa waan namaa kennuuf,

beekkumsii fi hubantiin isa biraa dhufan.

beekkumsa guddaa yoo waammatte,

hubanti’iif qoonqoo ol qabattee yoo iyyite,

ati Mootii Waan Maraa sodaatiisa hin hubatta;

beekkumsa Waaqa beekiisalle hin dhaggatta.

Ee Waaqa abbootii tiyyaa,

ati qarumma’aa fi hunna

waan naaf kenniteef,

waan nuuti si gaafannelle

waan natti beessitteef,

waan mootichi beekiisaaf rakkatelle

natti waan beessitteef,

ani si galateeffadha; si leellifadhalle’e» jedhe.

«Qarumma’aa fi hunni ta isaa waan teeteef,

maqaan Waaqaa haga bara baraa leellifamuu ti!

Waaqi dargaggoota arfan tanaaf beekkumsa, dandeettii barreessiisa maraatii fi qarummaa isaaniif kenne; Daani’el ammoo mudhi’ii fi oojjuu mara hiikiisaafille dandeettii qabaayyu.

A sabedoria do alto

A sabedoria que vem de Deus é pura, pacífica, amável, cheia de misericórdia e de bons frutos. Ela se opõe à sabedoria terrena e mundana.

Qarummaan ol-gubbaa irraa dhuttu matooma qulqullitti’i; akkasuma nageellitti’i, qajeeltu’u, ifi kennitu’u, mararti’ii fi midhaan dansa’aan ta guutante; wol caalchisiisaa fi kijibille ta keessa hin jirre.

Qarummaan ol-gubbaa irraa dhuttu matooma qulqullitti’i; akkasuma nageellitti’i, qajeeltu’u, ifi kennitu’u, mararti’ii fi midhaan dansa’aan ta guutante; wol caalchisiisaa fi kijibille ta keessa hin jirre.

Qarummaan ol-gubbaa irraa dhuttu matooma qulqullitti’i; akkasuma nageellitti’i, qajeeltu’u, ifi kennitu’u, mararti’ii fi midhaan dansa’aan ta guutante; wol caalchisiisaa fi kijibille ta keessa hin jirre.

Qarummaa Ol-gubbaaatii Fi Lafaa

Isin keessaa qarichaa fi hubataan eennu? Inni le’ii ifii dansa’aan, waan ifi gadi qabiisaa fi qaroomaan hujuun mudhisuu ti.

Qarummaa Waaqaa

Teetuu malee worra ayyaanaan bilchaateef jecha qarumma’aatiin barsiinna. Qarummaan tun ammoo ta biyya lafaa yookiin muummee irratti ta badu qarummaa bulchitoota lafa tanaatii moti. Nuuti ammoo biyyi lafaa adoo hin dadamin duratti ulfinna keennaaf qarummaa Waaqi qopheessee fi dhossaa isi’ii ta dhokattee turte dubbanna.

Nuuti ammoo Kiristoosii fannifame lallanna. Kun Yihudootaaf gufu’uu, worra Yihudoota hin te’iniifille gowwumma’a. Ammoo worra Waaqi waame, worra Yihudootaatii fi worra Giriikootaatiif Kiristoos hunna Waaqaatii fi qarummaa Waaqaa ti. Wonni gowwummaa Waaqaa fakkaattu qarummaa namaa hin caalti; wonni dadhabbii Waaqaa fakkaattulle hunna nama hin caalti.

Eennulle ifi hin sobin. Nami isin keessaa akka yaada biyya lafaatitti qaroo ifi sewu yoo jiraate, dhugumaan qaroo te’iisaaf akka gowwa’aa ifi laakkowuu ti.

Eennulle ifi hin sobin. Nami isin keessaa akka yaada biyya lafaatitti qaroo ifi sewu yoo jiraate, dhugumaan qaroo te’iisaaf akka gowwa’aa ifi laakkowuu ti.

Akka gadhaan isaanii jajjabaatuu fi jaalalaan wolitti hidhamanee, hubantii durummaa addachiittuu maraa fi dhossaa Waaqaa ka te’e Kiristoos akka beekanuuf tana godha. Karri qaroomaatii fi beekkumaa marti Kiristoos keessa dhoffantee jirti.

Direção e discernimento

Deus guia os humildes na justiça e ensina seu caminho aos mansos. Ele promete dirigir nossos passos quando confiamos nele de todo o coração.

Gadhaa tokkochaan Mootii Waan Maraatitti addadhu;

hubantii teetitti hin irkatin.

Karaa keeti maraan isa beeki;

inni daandii teeti si’iif hin qajeelcha.

«Ani qaro’o!» ifiin hin jedhin;

Mootii Waan Maraa sodaadhu;

waan hantuu irraa fagaadhu.

Mootiin Waan Maraa,

«Ani karaa ati deemu’uu malte

si hubachiisee si barsiisa;

si gorsa; si toowadha.

Inni worra gad ifi qabu haqaan sooressaa,

karaa ifiille isaan hin barsiisa.

Ee Mootii Waan Maraa,

karaa keeti akka beeku na godhi;

daandii teeti na barsiisi.

Ati Waaqa fayyisaa kiyya waan teeteef,

dhugaa teetiin na sooressii, na barsiisi;

ani yennaa mara addii si godhadha.

Mootiin Waan Maraa

karaa namaatitti yennaa gammade,

karaa isaaf akeekee, ijjata isaa jabeessa.

Ani waan si addadhuuf,

ganama ganama bari’iin

jaalala keeti ka bara baraa natti lallabi.

Lubbuun tiyya gara keeti waan yaadduuf,

karaa ani irra deemu’uu male na barsiisi.

Ati Waaqa kiyya waan teeteef,

fedhii teeti akka muummessu na barsiisi.

Ayyaanni keeti dansaan

daandii qajeelaa irra na sooressuu ti.

Ee Mootii Waan Maraa,

maqaa keetiif jedhiitii,

lubbuu tiyya jiraachisi;

balchummaa teetiin

rakkinna keessaa na baasi.

Ee Mootii Waan Maraa,

karaa keeti na barsiisi;

ani diinota hedduu waan qabuuf,

daandii qajeelaa irra na sooressi.

A Palavra como fonte de sabedoria

A Palavra de Deus é lâmpada para os pés e luz para o caminho. Meditar nas Escrituras nos dá entendimento superior ao dos mestres.

Jechi keeti miila kiyyaaf issa’a;

daandii tiyyaafille ifa.

Jechi keeti miila kiyyaaf issa’a;

daandii tiyyaafille ifa.

Waan maade’ee

ta seera keeti keessaa akka dhaggu,

ila tiyya bani.

Hiiki jecha keetii ifa kenna;

worra wollaala’aaf hubantii kenna.

Karaa Lama

Nami gorsa hamaaleyyi’iitiin hin ideenne,

ka karaa cubbaaleyyi’ii hin hordonne,

ka worra busheeshu woliin tokkummaa hin qanne,

ka gammade.

Nami akkasii ammoo

seera Mootii Waan Maraatiin gammada;

halkanii fi guyyaa seeruma isaa yaadata.

Jechi Kiristoosii durummaa ifiitiin gadhaa keessan keessa le’uu ti; qarooma duudi’iin wol barsiisa’a, wol gorsa’a; faaruu adda addaa, faaruu leellisaatii fi faaruu Ayyaantitti’iin Waaqa gadha’aan galateeffataa faarsa’a.

Isaan yennaa ati ideentu

si sooressan;

yennaa rattu si eegan;

yennaa ati dammaxxu

si’itti dubbatan.

Sabedoria prática para o dia a dia

A sabedoria se aplica em cada decisão: nas finanças, nos relacionamentos, no trabalho e no uso do tempo. Vivamos como sábios, não como insensatos.

Maarre isin attam akka leetanu ifi hubadha’aa ilaalladha’a. Akka qaroole’ee malee, akka gowwoole’ee hin le’inaa. Barri kun hamaa waan te’eef, yennaa dagu’uu maratti fayyadama’a.

Maarre isin attam akka leetanu ifi hubadha’aa ilaalladha’a. Akka qaroole’ee malee, akka gowwoole’ee hin le’inaa. Barri kun hamaa waan te’eef, yennaa dagu’uu maratti fayyadama’a.

Gara duraa qaroo akka teetuuf,

gorsa caqasi;

qajeelfama fudhadhu.

Gara duraa qaroo akka teetuuf,

gorsa caqasi;

qajeelfama fudhadhu.

Nami qarummaa qabu lubbuu ifii jaalata;

nami hubantii jaalatu hin qananooma.

Gorsa fudhadhuu karoora baafadhu;

qajeelfama fudhadhuu duuli.

Lolaaf bayiisaaf qajeelcha,

injifatiisaafille gorsitoota hedduu barbaachisa.

Nami ossatu hubantii guddoo qaba;

nami dafee aaru ammoo gowwummaa mudhisa.

Ifi jajiis lola qofa kaasa;

qarummaan ammoo worra gorsa fudhatu bira jirti.

Nami afaan ifii eegatu,

jiruu ifii eegata;

ka ifi eegataa hin dubbanne ammoo hin bada.

Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata;

nami qaroon ammoo gorsa caqasa.

Koorri yennaa dhufu,

salphinni hin dhufa;

gad ifi qabiisaan ammoo qarummaan dhutti.

Nami gadhaa ifii keessatti qaro’oo seera fudhata;

nami gowwaan dubbattichi ammoo

gara badi’ii deema.

Qalbiin nama hubata’aa beekkumsa dhaggatti;

gurri nama qaro’oolle beekkumsa barbaada.

Nami gowwaan yaada ifii qofaa

namatti mudhisuu barbaada malee,

hubanti’itti hin gammadu.

Gowwaanuu yoo cadhise qaroo fakkaata;

afaan ifiille yoo qabate

akka hubata’aatitti ilaallama.

Worri qarooleen fakkeenna kana caqasanee,

barumsa ifii itti ede’atanuu ti;

worri hubantii qabanulle

qajeelfama irraa fudhatanuu ti.

Yennaa daguu teete maratti fayyadamaa, worra hin dhugeeffanne biratti qaroomaan le’a. Nama tokko tokkoofuu deebii malte deebisiisa akka beettanu, haasonni keessan yennuma maraa ka gurratti toluu fi ka akka sooddaa mi’awu te’uu ti.

Yennaa daguu teete maratti fayyadamaa, worra hin dhugeeffanne biratti qaroomaan le’a. Nama tokko tokkoofuu deebii malte deebisiisa akka beettanu, haasonni keessan yennuma maraa ka gurratti toluu fi ka akka sooddaa mi’awu te’uu ti.

Woma gootanu maraa namaaf adoo hin te’in, akka waan Gootta’aaf gootanuutitti, gadhaa tokkochaan godha’a. Sababille Goottaan dhaala ol-gubbaaa gatii tolchee akka isiniif kennu isin hin beettan; Goottaan isin tajaajiltanulle Kiristoos.

O valor da sabedoria

A sabedoria é mais preciosa que rubis. Quem a encontra, encontra a vida e alcança o favor do Senhor. Nada se compara a ela.

Nami qarummaa dhaggatu,

ka hubantii qabu ka gammade.

Nami na dhaggatu jiruu dhaggata;

Mootii Waan Maraa biralle’etti

fudhatama qabaata.

Worqii dhaggatiisa irra qarummaa dhaggatiis,

meetii caalaa hubantii filatiis

attam attam caalti!

Nami gadhaa ifii keessatti karoora hin baafata;

Mootiin Waan Maraa ammoo karoora isaa san hin murteessa.

Nami gadhaa ifiititti hin yaadata;

yaada san guutuu ka dande’u ammoo

Mootii Waan Maraa qofa.

Akkuma beeseen gollaa namaaf teetu, qarummaalle gollaa namaaf teeti; irra caalaa ammoo qarummaan jiruu nama isii qabuu hin eeddi.

Gaaffiin akkasii gaaffii nama qaro’oo waan hin te’iniif, «Bara ammaatii mannaa, maaf bara durii woyya?» jettee hin gaafatin.

Waaqi nama isa gammachiisuuf qarummaa, beekkumsaa fi gammada kenna; nama cubbicha ammoo karra wolitti qabee tuulee, nama Waaqa gammachiisuuf dabarsee akka kennu godha. Tunille bu’aa hin qaddu; qilleensa ari’iisa.

Addee worri du’e jiru, ta ati dhaqiisaaf jirtu san hujiin yookiin itti yaadanee wo qopheeffatiis yookiin beekkumsi yookiin qarummaan waan hin jirreef, waan harki keeti hujiisa beeku mara hunna teeti guutu’uun huji!

A sabedoria e a soberania de Deus

Os caminhos de Deus são mais altos que os nossos. Sua sabedoria é insondável, eterna e infinitamente superior ao entendimento humano.

Akkuma ol-gubbaan lafa irraa ol fagaattu,

karaan kiyya karaa keessan irraa,

yaadi kiyyalle yaada keessan irraa ol hin fagaata.

Mootiin Waan Maraa,

«Yaadi kiyya akka yaada keessanii,

karaan kiyyalle akka karaa keessaniitii moti.

Ati hin beennee? Ati hin dhageennee?

Mootiin Waan Maraa Waaqa bara baraa ti;

biyya lafaa duudii ka dade isa;

Inni ijjumaa hin dadhabu yookiin hin laafu;

eennulle hubantii isaa qorqoree bira gewuu hin dande’u.

Ati hin beennee? Ati hin dhageennee?

Mootiin Waan Maraa Waaqa bara baraa ti;

biyya lafaa duudii ka dade isa;

Inni ijjumaa hin dadhabu yookiin hin laafu;

eennulle hubantii isaa qorqoree bira gewuu hin dande’u.

Ajajamiisa Tajaajilaa Mootii Waan Maraa

Ani worra dadhaba’atti dubbadhee

akka isaan jajjabeessuuf,

Goottaan Mootiin Waan Maraa

dandeettii barsiisiisaa naa kenneera.

Inni ganama ganama na dammassa,

akka nama baratiisatti jiruu

akka dhage’u gurra kiyya naaf hin bana.

Worra Gibxi’itti Addatuuf Aanne’e

Worra Gibxii irraa qarqaarsa dhaggatiisaaf gad bu’u, worra fardo’otti addatu, worra bacinna garreettaa ifii ka fardaan harkifamuu fi abbootii fardo’oo jajjaboo ifiititti addatu, ammoo worra gara Woyyicha Israa’elii hin ilaallee fi worra qarqaarsa Mootii Waan Maraa hin gaafanneef aanne’e! Mootiin Waan Maraa qaro’o; inni badii isaanitti hin fida; waan jedhe irraa duubatti hin deebi’u; inni worra hantuu huju irratti, worra hantuu huju worra qarqaaru irralle’etti hin ka’a.

Tun duudiin Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, abbaa gorsa maade’eetii fi abbaa qarummaa guddo’oo biraa dhutte.

Ayyaanni Mootii Waan Maraa

Ayyaanni qarumma’aatii fi hubanti’ii

Ayyaanni gorsaatii fi hunnaa

Ayyaanni beekkumsaatii fi

Mootii Waan Maraa sodaatiisaa

isa irratti hin bu’a.

Inni Mootii Waan Maraa sodaatiisaan

hin gammada.

Akkuma ilaan dhagge hin muru;

yookiin akkuma gurraan dhage’e hin murteessu;

Ani Mootiin Waan Maraa yennaa mara isin hin sooressa; lafa godduu keessalle’etti isin hin quussa; lafee teessan hin jabeessa. Isinille akka oorruu bisaan obaafamuu, akka madda bisaan isaa hin dhidhannee hin teetan.

Galata Waaqaa Gale

Durummaan Waaqaa attam attam guddo’o! Beekkumaa fi qarummaan isaa attam attam gad fagaatti! Muraa isaa qorqoriisa eentu dande’a? Karaa isaa eentu hubatiisa dande’a?

Karaa Yesuus Kiristoosiitiin, Waaqa qofuu qarichaaf, bara baraan ulfinni te’u.

Worra Waaqa jaalatu ka akka fedha isaa waamameef, Waaqi waan maraa dansa’aaf akka isaanii godhu hin beenna.

Ee Mootii Waan Maraa,

hujiin teeti attam attam baca’a!

Ati isaan mara qarumma’aan daddeerta;

latti waan ati daddeen guutanteerti.

Mootiin Waan Maraa keenna gudda’a;

akka malee hunna qaba;

beekkumsi isaalle

hagana hin jedhamu.

Ati gorsa keetiin na sooressita;

muummee irratti gara ulfinnaa na hin fudhatta.

Qaroolee akka teenu,

barri jiruu teennaa

gabaabaa akka te’e akka beennu nu barsiisi.

Afaan nama balcha’aa qarummaa odeessa;

arrabi isaa haqa dubbata.

Mootii Waan Maraatitti gammadi;

inni halchaa gadhaa keetii si’iif hin kenna.

Ee Mootii Waan Maraa,

diinota bacaa waan qabuuf,

balchummaa teetiin na sooressi;

karaa keeti naaf qajeelchi.

Ati daandii jiru’uu natti hin mudhitta;

gammadi guutuun fuula keeti dura,

wonni haga bara baraa nama gammachiisu

harka keeti middicha keessa jira.

Yennaa ani gara biyya isaanii isaan deebisu,

gammadaan bowaa daadimataa hin deebi’an.

Ani Israa’eliif abbaa,

Efreemille ilma kiyya angafichaa waan te’eef,

ani qarqara madda bisaanii,

karaa gufuu hin qanne,

ka isaan hin gufanne irra isaan hin sooressa.

Daadimata Ermiyaasii

Ee Mootii Waan Maraa!

Jiruun namaa tama isaa akka hin te’in ani hin beeka;

nami ideensa ifii ifumaan qajeelchuu hin dande’u.

Faaruu Waaqa Leellisiisaa

Waaqi hunna ifiitiin lafa dade;

qarummaa ifiitille’een biyya lafaa hundeesse;

hubantii ifiitille’een ol-gubbaa diriirse.

Waan Guyyaan fidu waan hin beenneef,

waan boru te’uun ifi hin jajin.

Nami hamaan haqa hin beeku;

worri Mootii Waan Maraa barbaadatu ammoo

guutumaa guutu’utti haqa beekan.

Hunna amma nu keessa hujiisatti jirtuun waan nuuti gaafatiisa, yookiin yaadatiisa dandeennu mara irra akka malee caalchisee hujiisa ka dande’uuf, Karaa wolde’a kiristaanaatii fi karaa Kiristoos Yesuusiitiin bara baraan ulfinni Waaqaaf te’u! Ameen.

Gorsaa Fi Nageya Muumme’ee

Gara keessan dhufiis kiyya kun yennaa sadeesso’oo ti; akkuma Barreeffam Woyyichi jedhu, «Himannaan marti dhugaa baatota lamaan yookiin sadiin mirkanootti».

Gorsa Waaqi akka ijoollee ifiititti isinitti dubbate deetaneertan; inni,

«Ilma kiyya! Yennaa Goottaan sirreessiisaaf si xixu,

akka kaso’ootitti hin ilaalin;

yennaa inni si adabelle,

gadhaa hin kutatin!

Sababille Goottaan nama jaalatu hin xixa;

nama akka ilma ifiititti fudhatulle

hin adaba» jedha.

Muummee irratti obboleeyyan tiyya! Qalbii teessan waan dansa’aa fi waan galateeffachiisuun guuta’a: waan dhugaa te’e, waan ulfinnaa, waan sirrii te’e, waan qulluu te’e, waan gammachiisuu fi waan galata qabu maraa yaadadha’a!

Maarre marroo boruutiif hin yaadayina’a; guyyaan boruu ifiifuu yaaddoo isa gewu qaba. Rakkinni adhaa adhaaf hin geya» jedhe.

Mootittiin kibbaa qaccee biyya lafaatii qarummaa solomoonii caqasiisaaf waan dhutteef, guyyaa mura’aa dhaloota kana woliin kaatee itti murti, kunoo ka Solomoon caalu as jira!» jedhe.

Jara Lamaan Mana Ijaartu

Yesuus, «Nami jecha kiyya dhage’ee hujii irra oolchu namicha qaroo mana ifii rassaa irratti ijaarrate tokko fakkaatta.

Worri isiniin falmu tokkolle, isin dura dhaabbatiisaaf, yookiin isiniin mormiisaaf ka hin dandeenne, waan dubbattanuu fi qarummaa, aninuu isiniif hin kenna.

Muraa dhuga’aa mura’a malee, fuula ilaaltanee muruu lakkisa’a» jedhe.

Mootiin Waan Maraa qarummaa ifiitiin lafa dade;

hubantii ifiitiin ol-gubbaa jabeessee dhaabe.

Qarummaa maanguddootatti qabaa motii ree?

Hubantiille worra woggaa dheertuu

le’etti qabaa motii ree?

«Qarumma’aa fi hunni ta Waaqaa ti;

gorsaa fi hubantiille tama isaa ti.

Iyoob

Achiin duuba Iyoob deebisee,

«Dhuguma tun dhugaa

akka teete hin beeka.

Ammoo nami attam Waaqa duratti

balchaa te’uu dande’a ree?

Nami tokko Waaqaan falmuu

yoo barbaade,

gaaffii kuma keessaa takkattiille

deebisee hin dande’u.

Waaqi qaro’o; hunnaamessalle’e;

ka isa moromee,

hin injifatamin eennuu?

Ee nama, Mootiin Waan Maraa waan dansaa sitti mudhiseera. Mootiin Waan Maraa maan si irraa barbaada? Haqa akka hujjuuf, marartii akka jaalattuuf, gad ifi qabiisaan Waaqa keeti woliin akka ideentuufii motii ree?

abbootii mura’aa saniin, «Isin Mootii Waan Maraatiif malee, namaaf waan hin hunyeef, waan hujjanu hubadha’aatii huja’a. Muraa kenniisa irratti inni isin woliin jira.

Isin waan boru te’u hin beettanu; jiruun teessan maan? Isin akka hurrii yennaa diqqo’oof mudhattee deebitee badduu ti.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-