Publicidade

Jó 28

Wolaloo Marroo Qarumma’aa

1 «Dhuguma boolli meetii keessaa qotanee baasanu,

addeen worqii itti baqsiisanu jirti.

2 Sibiilli lafa keessaa dhaggama;

sibiilli diimaalle biyyee albuudaa keessaa

baqisiifamee dhaggama.

3 Namooti qilee lafaa keessa seenanee

dukkana dimmaa keessa lixanee

biyyee albuudaa barbaadan.

4 Isaan lafa nami le’u irraa fagaatanee,

addee miilli namaa ijjattee hin beenne geyan.

Achitti boolla qilee qotanee

wodaroo irratti rarra’aa

nama irraa fagaatanee qofuu ifii hujan.

5 Latti midhaan sagalee te’u baattu,

keessi isi’ii ammoo ibiddaan baqee garagaggala.

6 Rassaa isi’ii keessaa

dhakaan gatii guddo’oo

ka Safiirosjedhamu dhaggama;

biyyee isi’ii keessalle’ee worqiin hin dhagganti.

7 Karaa gara albuudaa geessu san risaan hin beeku;

ilti jajju’uulle hin dhaggine.

8 Bineensi hamaan addee san hin ijjanne;

neenqille karaa san hin dabarre.

9 Harki nama albuuda qotuu

rassaa jabaa hin caccassa;

gaarotalle hundee irraa garaggaggalcha.

10 Isaan rassaa dhoosanee karaa hin baasan;

ilti isaaniille waan gatii guddo’oo hin dhaggiti.

11 Madda lagaa hin kiphan;

waan lafa keessatti dhokatelle ifatti hin baasan.

12 «Ammoo qarummaan eessatti dhagganti?

Addeen hubanti’ii eessa jirti?

13 Qarummaan lafa nami le’u keessatti hin dhaggantu;

namille gatii isi’ii hin beeku.

14 Qileen abbaaya’aa,

Qarummaan na keessa hin jirtujetti;

abbaayaalle, Qarummaan na bira hin jirtujetti.

15 Qarummaan worqii qullu’uun hin bitantu;

gatiin isi’iille meeti’iin hin madaalantu.

16 Gatiin isi’ii worqii gatii guddo’ootiin,

dhakaa Sardoniikis28:16 Sardoniikis: Dhakaa gatii guddoo qabu.jedhamuun

yookiin dhakaa, Safiirosjedhamuun wol hin qixxawu.

17 Worqi’ii fi daaw’itiilleeen28:17 Daaw’itii: Bara durii gatiin daaw’iti’ii akka malee guddo’o.

wol hin qixxoottu.

Dooqa worqii qullu’uulleeen

hin jijjiirantu.

18 Gatiin qarumma’aa dooqa gatii guddo’ootii fi

dhakaa gatii gudda’ootiin wol hin qixxoottu;

elellaan diintuulle28:18 Elellaan diintuu: Bara durii elellaan gatii guddoo qaddi caalti.

19 Qarummaan dhakaa gatii guddo’oo ka Itoophiya’aa28:19 Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali.,

ka Xophaaziyonjedhamuun wol hin qixxoottu;

worqii qulluu gatii guddo’oolleeen wol hin qixxoottu.

20 «Eegasuu qarummaan eessaa dhutti ree?

Addeen hubantiin jirtu eessa ree?

21 Isiin ila dada maraa duraa dhokatteerti;

sinbirrootaayyuu dhokatteerti.

22 Badi’ii fi duuti,

Nuuti oduu isi’ii qofa

gurra keennaan dhageennejedhan.

23 Waaqi karaa gara qarumma’aa geessu hin hubata;

addee isiin jirtulle isa qofattuu beeka.

24 Inni qaccee lafaa duudii waan dhagguuf,

waan ol-gubbaaan jala jiru mara dhagga.

25 Waaqi yennaa qilleensaaf hunna kenne,

haga bisaaniille yennaa mike28:25 Mike: Wodaro’oon yookiin ciqile’een haga waan tokkoo beekiisaaf laakkowiisa.,

26 Bokkeyaaf seera,

balaqqeetti’iifille karaa yennaa baase,

27 achiin duuba qarummaa ilaalee,

gatii isi’ii murteesse;

inni isii qorqoree jabeessee isii dhaabe.

28 Achiin duuba inni namaan,

Kunoo, Mootii Waan Maraa sodaatiis qarumma’a;

waan hantuu irraa goriisille hubanti’ijedhe» jedhe.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-