Pular para o conteúdo
Publicidade

Salvação

Por Bíblia Online

A salvação é a obra suprema de Deus. Pela graça, mediante a fé, somos salvos — não por obras, para que ninguém se glorie. É o presente mais precioso que a humanidade pode receber.

A salvação pela graça

A salvação é dom de Deus, não resultado de esforço humano. Somos justificados pela fé em Cristo Jesus e reconciliados com Deus pelo seu amor.

Isinis ayyaanaan karaa amantiitiin fayyitaniirtuutii; kunis kennaa Waaqaati malee hojii ofii keessanii miti; akka namni tokko iyyuu of hin jajneefis kun hojiidhaan miti.

inni sababii qajeelummaa nu hojjenneetiif utuu hin taʼin sababii araara isaatiif jedhee nu fayyise. Inni dhiqannaa lammata dhalachuutii fi haaromsuu Hafuura Qulqulluutiin nu fayyise;

Waaqni sababii kaayyoo isaatii fi sababii ayyaana isaatiif nu fayyisee gara jireenya qulqulluutti nu waame malee sababii hojii nu hojjenne kamiif iyyuu miti. Ayyaanni kunis uumama addunyaatiin dura karaa Kiristoos Yesuusiin nuu kenname;

Ani wangeelatti hin qaanaʼu; kunis sababii wangeelli humna Waaqaa kan warra amanan hunda fayyisu taʼeef; innis jalqabatti Yihuudootaaf, itti aansee immoo Giriikotaaf.

sababii hundi isaanii iyyuu cubbuu hojjetaniif isaan ulfina Waaqaa irraa citaniiruutii;

Yoo namni tokko nama gaariif duʼuuf ija jabaachuu dandaʼe iyyuu, namni nama qajeelaaf duʼu akka malee muraasa. Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Kiristoos nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Waaqni nuuf qabu argisiisa.

Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Waaqaa garuu karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuusiin jireenya bara baraa ti.

O caminho da salvação

Quem confessa Jesus como Senhor e crê em sua ressurreição será salvo. A fé em Cristo é o único caminho para a salvação.

kunis yoo ati, "Yesuus Gooftaa dha" jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita. Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya.

Namni garaa isaatiin amanee qajeelaa taasifamaatii; afaan isaatiinis dhugaa baʼee fayya.

Isaanis deebisanii, "Gooftaa Yesuusitti amani; ati ni fayyitaa; warri mana kee jiraatanis ni fayyuutii" jedhan.

Isaanis deebisanii, "Gooftaa Yesuusitti amani; ati ni fayyitaa; warri mana kee jiraatanis ni fayyuutii" jedhan.

Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii."

Namni maqaa Gooftaa waammatu,

hundinuu ni fayya.

Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Waaqaa taʼaniif mirga kenne.

Nova vida em Cristo

Quem está em Cristo é nova criação. A salvação não é apenas perdão, mas transformação completa — de dentro para fora, para a glória de Deus.

Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.

Yesuusis deebisee, "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu" jedheen.

Akkanas jedhe: "Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa samiitti hin galtan.

Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.

Gooftaan akka namoonni tokko tokko lafa irra harkifata jedhanii yaadan sana, waadaa isaa guutuu irratti lafa irra hin harkifatu. Inni akka namni hundinuu qalbii jijjiirrachuuf jedhee isinii obsa malee akka namni tokko iyyuu badu barbaadee miti.

Kunoo, ani balbala dura dhaabadheen balbala rurrukuta. Yoo namni kam iyyuu sagalee koo dhagaʼee balbala naaf bane, ani ol seenee isa wajjin irbaata nan nyaadha; innis na wajjin ni nyaata.

Segurança eterna

O crente tem a certeza da salvação. Ninguém pode arrebatar da mão de Deus aqueles que Ele chamou, justificou e glorificou.

Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu.

Namni Ilmatti amanu jireenya bara baraa qaba; namni Ilmaaf hin ajajamne garuu dheekkamsa Waaqaatu isa irra jiraata malee jireenya hin argu."

Isin utuu isa hin argin isa jaallattu; amma yoo isa arguu baattan iyyuu isatti amantu; gammachuu ibsamuu hin dandeenyee fi ulfina qabeessaanis guutamtaniirtu; isin buʼaa amantii keessanii jechuunis fayyina lubbuu keessanii argachaa jirtuutii.

Namni amanuu fi cuuphamu kam iyyuu ni fayya; nama hin amannetti garuu ni murama.

A salvação presente e futura

A salvação é passada (justificação), presente (santificação) e futura (glorificação). Deus nos salva, nos guarda e nos conduz à vida eterna.

Ayyaanni Waaqaa kan fayyina fidu nama hundatti mulʼifameeraatii. Ayyaanni kunis Waaqa malee jiraachuu fi hawwii addunyaa ganuun bara kana keessa jireenya of qabiisaa, jireenya qajeelummaatii fi jireenya Waaqatti buluu akka jiraannu nu barsiisa;

Dhugumaan akka seeraatti wantoota muraasa malee wanni hundinuu dhiigaan qulqulleeffama; dhiigni dhangalaafamu malees dhiifamni cubbuu hin jiru.

akkasuma immoo Kiristoos cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.

Nu utuu diinota Waaqaa taanee jirruu erga duʼa ilma isaatiin isatti araaramnee, erga isatti araaramnee booddee immoo hammam caalaa jireenya isaatiin hin fayyinu ree!

Akkuma hundinuu Addaamiin duʼan, hundinuu Kiristoosiin jiraatoo ni taasifamuutii.

Nada é impossível para Deus

Aos homens é impossível, mas para Deus tudo é possível. Ele deseja que todos sejam salvos e cheguem ao conhecimento da verdade.

Yesuusis isaan ilaalee, "Kun garuu Waaqaaf malee namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf wanni hundinuu ni dandaʼamaatii" jedhe.

Yesuusis, "Wanni namaaf hin dandaʼamne, Waaqaaf ni dandaʼama" jedhee deebise.

Ilmi Namaa isa bade barbaaduu fi fayyisuudhaaf dhufeetii."

Gooftaan akkana jedhee nu ajajeeraatii;

" Ani akka ati Namoota Ormaatiif ifa taatee,

hamma qarqara lafaatti fayyina geessituuf si filadheera."

Karra Dhiphaa fi Karra Balʼaa

"Karra dhiphaadhaan seenaa. Karaan badiisatti geessu balʼaadhaatii; karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin seenanis baayʼee dha. Garuu karri isaa dhiphaa dha; karaan jireenyatti nama geessu qalʼaa dha; warri isa argatanis muraasa.

Isin akka jalʼoonni mootummaa Waaqaa hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri Waaqa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan, yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Waaqaa hin dhaalan.

Yesuusis, "Amantiin kee si fayyiseeraa deemi" jedheen. Innis yeruma sana argee karaa irra buʼee Yesuus duukaa buʼe.

Lubbuun koo Waaqa qofa eeggatti;

fayyinni koos isa biraa naa dhufa.

Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota;

harki kee mirgaa ol na qabeera;

gargaarsi kees nama guddaa na godhe.

Akka koomeen koo hin mucucaanneef,

miilla kootiif daandii balʼifteerta.

Yoo mukni harbuu daraaruu baatee

iji wayinii muka wayinii irra jiraachuu baate iyyuu,

yoo mukni ejersaa ija naqachuu didee

lafti qotiisaa midhaan dhowwate iyyuu,

yoo hoolonni gola keessaa,

loonis dallaa keessaa dhabaman iyyuu,

ani garuu Waaqayyotti nan gammada;

Waaqa isa na fayyisutti nan gammada.

Waan ati ija koo duratti jaallatamaa fi kabajamaa taateef,

anis waanan si jaalladhuuf,

qooda kee namoota

qooda lubbuu keetii immoo saboota nan kenna.

Seja o primeiro