Pular para o conteúdo
Publicidade

Salmos 62

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeduutuuniif. Faarfannaa Daawit.

1 Lubbuun koo Waaqa qofa eeggatti;

fayyinni koos isa biraa naa dhufa.

2 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;

inni daʼoo koo ti; ani gonkumaa hin raafamu.

3 Isin hamma yoomiitti nama miitu?

Hamma yoomiitti akka keenyan manaa kan duufeetti,

akka dallaa raafameettis lafaan isa dhaʼuu barbaaddu?

4 Isaan aangoo isaa guddaa sana irraa,

guutummaatti gad isa deebisuu barbaadu;

isaan sobatti ni gammadu.

Afaan isaaniitiin ni eebbisu;

garaa isaaniitiin garuu ni abaaru.

5 Lubbuun koo Waaqa qofa obsaan eeggatti;

abdiin koo isa biraa dhufaatii.

6 Kattaan kootii fi fayyinni koo isa qofa;

inni daʼoo koo ti; ani hin raafamu.

7 Fayyinni kootii fi ulfinni koo harka Waaqaa keessa jira;

kattaan koo jabaan, iddoon ani itti kooluu galu Waaqa.

8 Yaa namoota, yeroo hunda isa amanadhaa;

garaa keessanis fuula isaa duratti dhangalaasaa;

Waaqni iddoo nu itti kooluu galluudhaatii.

9 Gosa tuffatamaa irraa dhalachuun homaa miti;

gosa kabajamaa irraa dhalachuunis sobuma;

yoo madaaliidhaan madaalaman

lachanuu qilleensa caalaa salphatu.

10 Waan saamichaan argattan hin amanatinaa;

waan hatameenis hin koorinaa.

Yoo qabeenyi keessan guddate illee,

qalbii keessan isa irra hin kaaʼatinaa.

11 Waaqni yeroo tokko dubbate;

ani immoo yeroo lama nan dhagaʼe;

kunis akka humni kan Waaqaa taʼee dha.

12 Yaa Gooftaa araarri kan kee ti.

Ati dhugumaan tokkoo tokkoo namaa

akkuma hojii isaatti gatii isaa ni kennitaaf.

Veja também