Todo poderoso
Deus é Todo-Poderoso — onipotente, onisciente e onipresente. Nada está além do seu alcance, nada escapa ao seu conhecimento e nada foge ao seu controle soberano.
O poder soberano de Deus
O Senhor reina sobre todas as coisas. Desde a criação do universo até os detalhes da nossa vida, seu poder se manifesta de forma absoluta e inesgotável.
"Yaa Waaqayyo Gooftaa, ati humna kee guddaa fi irree kee diriirfame sanaan samiiwwanii fi lafa uumteerta. Wanti ati hin dandeenye tokko iyyuu hin jiru.
"Ani Waaqayyo, Waaqa nama hundaa ti; wanni ani hin dandeenye tokko iyyuu jiraa?
Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf;
guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.
Yaa Waaqayyo sababii wanni samii fi
lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni,
ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti.
Yaa Waaqayyo mootummaan kan kee ti;
ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha.
Badhaadhummaa fi kabajamuun si biraa argama;
ati bulchaa waan hundaa ti.
Ol ol guddisuu fi waan hundaaf
jabina kennuuf, jabinnii fi humni si harka jira.
Amalli Waaqaa kan hin mulʼanne jechuunis humni isaa kan bara baraatii fi waaqummaan isaa uumama addunyaatii jalqabee wantoota uumaman irraa ifaan ifatti mulʼataatii; kanaafuu isaan waan itti qabatan hin qaban.
Nada é impossível para Deus
Para Deus não há impossíveis. O que parece inalcançável aos nossos olhos é plenamente realizável nas mãos do Todo-Poderoso.
Wanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii."
Innis, "Aabbaa, yaa Abbaa, wanni hundinuu siif ni dandaʼama. Xoofoo kana narraa fuudhi. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin" jedhe.
Waaqayyo ni hiyyoomsa; ni sooromsas;
ni salphisa; ni ulfeessas.
Inni waan gad fagoo fi waan dhokfame ni mulʼisa;
waan dukkana keessa jiru ni beeka;
ifnis isa wajjin jiraata.
O Rei eterno
Deus é o Rei eterno, imortal, invisível, único Deus sábio. Seu trono é desde a eternidade e seu reino não terá fim.
Waaqni Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu, "Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa jiru, isa turee fi isa dhufuuf jiruu dha" jedha.
Egaa Mootii bara baraa, isa hin duune, isa ijatti hin mulʼanne Waaqa tokkicha sanaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinnii fi galanni haa taʼu. Ameen.
Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu,
addunyaa fi wanni ishee keessa jiraatu hundinuus kan Waaqayyoo ti;
Yaa Waaqayyo, Waaqa Waan Hunda Dandeessu
iddoo keenyatti nu deebisi;
akka nu fayyinuufis fuula kee nurratti ibsi.
Refúgio no Todo-Poderoso
O poder de Deus é nosso abrigo. Em tempos de tempestade, podemos descansar na certeza de que Ele sustenta e protege os seus.
Namni daʼoo Waaqa Waan Hundaa Olii keessa jiraatu,
gaaddisa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.
Anis Waaqayyoon, "Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti;
Waaqa koo kan ani amanadhuu dha" nan jedha.
Yaa Waaqayyo, akka dubbiin tokko iyyuu arraba koo hin jirre,
ati guutumaan guutuutti ni beekta.
Kanaa achi Gooftaa fi humna isaa jabaa sanaan cimaa.
Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.
Yaa ijoolle, isin kan Waaqaa ti; jaras moʼattaniirtu; inni isin keessa jiru kan addunyaa keessa jiru sana caalaa guddaadhaatii.
Ani isaanii fi iddoowwan tulluu koo marsanii jiran nan eebbisa. Bokkaas yeroo isaatti nan roobsa; roobni sunis rooba eebbaa ni taʼa.