Publicidade

Vida nova

Por Bíblia Online

Em Cristo, toda pessoa é transformada em uma nova criação. O velho passa e tudo se faz novo. A vida nova é o resultado da obra redentora de Jesus em nosso coração.

Morte e ressurreição com Cristo

O batismo simboliza nossa morte para o pecado e ressurreição para uma nova vida. Fomos sepultados com Cristo e ressuscitamos com Ele.

Yookaan nu warri Al-Masiihi Iisaatti cuuphamne hundi akka duʼa isaattis cuuphamne isin hin beektanii? Kanaafuu akkuma Al-Masiihiin ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin qabbaramne.

Nu erga duʼa isaatiin akkasitti isa wajjin tokko taane, duʼaa kaʼuu isaatiinis akkasuma isa wajjin tokko ni taana. Akka dhagni cubbamaan balleeffamuuf, nus akka siʼachi garboota cubbuu hin taaneef akka namummaan keenya moofaan sun isa wajjin fannifame ni beekna; namni duʼe cubbuu irraa bilisoomeeraatii.

Isinis akkasuma akka cubbuuf duutanitti, Al-Masiihi Iisaadhaan garuu akka Allaahaf jiraattota taatanitti of hedaa.

Nova criação

Quando aceitamos Jesus, nascemos de novo. A velha natureza dá lugar a uma identidade renovada pelo Espírito Santo.

Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Al-Masiihitti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.

Ani Al-Masiihii wajjin fannifameera; siʼachi Al-Masiihiitu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Allaaha isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.

Sababii kanaaf, nama Giriik yookaan Yihuudii, nama dhagna qabate yookaan kan dhagna hin qabatin, nama wallaalaa, nama jireenya isaa hin qajeelfatin, garba yookaan birmaduu jechuun hin jiru; Al-Masiihiin garuu hunduma; hunduma keessas jira.

Despir o velho, vestir o novo

A vida nova se manifesta em abandonar os velhos hábitos e revestir-se do novo homem, criado segundo a vontade de Deus.

Haala jireenya keessan kan durii, eenyummaa keessan moofaa hawwii gowwoomsaa isaatiin xuraaʼe sana dhabamsiisaa; hafuura yaada keessaniitiinis haaromfamaa; namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullina dhugaatiin fakkeenya Allaahatiin uumame sana uffadhaa.

Amma garuu waan akkasii hunda: aarii, dheekkamsa, hamminaa fi maqaa nama balleessuu of irraa fageessaa; dubbiin gadheenis afaan keessanii hin baʼin. Wal hin sobinaa; isin eenyummaa keessan isa moofaa sana hojii isaa wajjin of irraa baaftanii eenyummaa haaraa kan beekumsa fakkaattii Uumaa isaatiin haaromfamaa jirus uffattaniirtu.

Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.

Renovação interior

Deus promete dar um coração novo e um espírito novo. A transformação nasce do arrependimento e da purificação divina.

Yaa Allaah, garaa qulqulluu na keessatti uumi;

Hafuura qajeelaas na keessatti haaromsi.

Fuula kee duraa na hin balleessin;

Hafuura kee Qulqulluus narraa hin fudhatin.

Gammachuu fayyina keetii naa deebisi;

na jiraachisuudhaafis hafuura sarmu naa kenni.

Ani bishaan qulqulluu isinitti nan facaasa; isinis ni qulqullooftu; ani xuraaʼummaa keessan hunda irraa fi waaqeffatamtoota keessan tolfamoo hunda irraa isinan qulqulleessa. Ani onnee haaraa isiniif nan kenna; hafuura haaraas isin keessa nan kaaʼa; onnee dhagaa isin keessaa baasee onnee foonii isiniif nan kenna. Akka isin dambii koo duukaa buutanii fi seera koo sirriitti eegdaniif ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa.

Hundi keenyas yeroo tokko dharraa foon keenyaa guutaa, hawwii fi yaada isaa duukaa buʼaa isaan gidduu jiraanne. Uumama keenyaanis akkuma warra kaanii dheekkamsa jala turre. Garuu Allaahan araaraan guutame sun sababii jaalala guddaa nuu qabuuf, yeroo nu irra daddarbaa keenyaan duunee turretti illee Al-Masiihii wajjin jiraattota nu taasise; isinis ayyaanaan fayyina argattan.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-