13 Kiristoos gargar qoodameeraa ree? Fannoo irratti isiniif ka du’e Phawuloosii? Yookiin isin maqaa Phawuloosiitiin cuuphantanee?
14 Kiriisphosii fi Gaayos malee, isin keessaa nama tokkolle waan hin cuuphiniif ani Waaqa galateeffadha. 15 Tanaaf nami tokkolle, «Maqaa Phawuloosiitiin cuuphantaneertan» jedhiisa hin dande’u. 16 Ee, ani Isxifaanosii fi maatii isaalle cuupheera; kana malee nama dhibii ka cuupheeru hin qaabadhu. 17 Kiristoos akka ani Oduu Gammadaa lallabuuf ana erge malee, akka cuuphuuf na hin ergine. Fannifamuun Kiristoosii akka hunna hin dhanne, Oduu Gammadaa ka lallabaaru qarummaa namaatiinii moti.