6 Akkasuma lola Gaatii ka dhibii keessatti nama akka malee furdatu, ka sanyii Refaa’otaa te’e, ka harka ifii tokko tokkoo fi miilla ifii tokko tokkooyyuu irraa quba jaa jaa, wolumatti quba diddamii afur qabu tokko jiraayyu.
7 Yennaa inni Israa’elootatti murge, ilmi Shime’ee Yonaataan obboleessi Daawitii isa ijjeese.