1 Eega Kiristoos nafa ifiitiin rakkate, isinille akka nama meya woraanaa hidhatee yaada kanaan jabaadha’a; sababille nami nafa ifiitiin rakkatu cubbuu dhiiseera. 2 Haganaa achi bara le’ii isaa ta lafa irraa, akka halchaa foonii adoo hin te’in akka fedhii Waaqaa le’uu qaba. 3 Tanaan qara barri isin akkuma worri Yihudoota hin te’in huju: baalagumma’aan, halchaa baddu’uun, machi’iin, akka malee nyaataa caaqu’uun, akka malee uniisaa fi waaqonfannaa farra teete waaqota dharaa waaqonsu’uun dabarsitane hin geya. 4 Amma lansooti teessan ta durii waan isin isaan woliin samaamuruu dhaddaneef maadeffatanee, isin arrassan. 5 Isaan ammoo waan godhane kanaaf, Waaqa worra jiruu fi du’etti muriisaaf qophoweef, deebii mataa ifii hin kennan.
Publicidade
1 Pedro 4
Akka Fedha Waaqaa Le’uu