Hoolichaa Fi Kolbaa Isaa
1 Achiin duuba midhadhee, Hoolichi gaara Xiyoonii irra dhaabbatuun dhagge; worri maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa adda isaaniititti barreeffameerulle, namooti kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur isa woliin jiraniiyyu. 2 Qoonqoo akka qoonqoo bisaan heddu’uutii fi gikkeessa mandiisuu guddo’oo jirtu ol-gubbaa keessaa dhage’e; qoonqoon ani dhage’e sun qoonqoo kiraara gugurda’aa14:2Kiraara gugurda’aa: Bagana’aa ka worri kiraara dhowu dhowuu fakkaatti. 3 Isaanille barcumaa mootumma’aa duratti, dadi lubbuu qaddu afurii fi maanguddoo diddamii fi afur duratti faaruu haareya faarsane. Worra lafa irraa wodame, worra kuma dhibbaa fi kuma afurtamii fi afur malee, nami tokkolle faaruu san baratiisaaf hin dandeenne. 4 Worri kun waan qulqullumma’aan ifi eegataneeranuuf, worra dubartii bira dhaqiisaan ifi batteesseeruu moti; isaan qeedho’o. Isaan gara Hoolichi deemu mara gula deeman; isaan kun worra Waaqaa fi Hoolichaaf akka angafoota te’anuuf, sanyii namaa keessaa wodamane. 5 Afaan isaanii keessalle’etti dharti ijjumaa hin dhagganne; isaan worra komii hin qanne.