Ka Farda Adii Irra Tee’eeru
11 Achiin duuba ol-gubbaan banantee, fardi adiin tokkolle achi jiruun dhagge. Farda san irralle, «Addatama’aa fi dhugaamessa» ka jedhamu tee’eeraayyu; inni balchumma’aan mura, hin lolalle’e. 12 Ilti isaa akka bobe’a ibiddaa ti; mataa ifii irralle’etti kallacha bacaa qaba. Maqaan isa malee nami tokkolle hin beenne isa irratti barreeffameera. 13 Inni woyaa dhiiga keessa cuuphanteertu uffateera; maqaan isaalle Jecha Waaqaa ti. 14 Loltooti ol-gubba’aa woyaa quncee talba’aa irraa hujante adi’ii fi qulqullittii uffatanee, fardoo adaadii irra tetee’anee isa gula deemiisatti jiraniiyyu. 15 Shallaagaan qara qabu ka inni ittiin gosa biyya adda addaa dhowu afaan isaa keessaa baye; ulee bokku’uu ta sibiilaatiille’een isaan hin bulcha. Inni addee daadhiin woyni’ii ta mufii hantuu Waaqa waan mara dande’uu itti cunfantu hin dhiita. 16 Woya’aa fi gudeeda isaa irratti maqaan, «Mootii moototaatii fi Goottaa goottotaa» jedhu barreeffameera.
17 Achiin duuba ergamaan Waaqaa tokko aduu keessa dhaabbateeruun dhagge. Innille allaattota wodhakkaa gubba’aa keessa koolaan kaatu mara qoonqoo guddo’oon waamee, «Kowa’a, irbaata guddaa Waaqi isinii qopheesseef wolitti qabama’a! 18 Foon moototaa, foon abbootii duula, foon hunnaameyyi’ii, foon fardo’ootii fi worra fardoo irra tee’uu, akkasuma foon nama maraa, ka garbaatii fi ka garba hin te’inii, ka diqqa’aatii fi gudda’aa kowa’aatii nyaadha’a!» jedhe.
19 Achiin duuba bineensii fi moototi lafa irraa loltoota ifii woliin, ka farda irra tee’eeruu fi loltoota isaa loliisaaf wolitti qabamaneeranuun dhagge. 20 Bineensi sun ammoo qabame; raagichi dharaamessi fuula isaa duratti bilbaasota godhaa ture sunille isa woliin qabame. Inni, worra beessisa bineensaa ifi irraa qabuu fi worra fakkii isaatiif sagade, bilbaasota kanaan dokonkorse. Lamaanuu, akkuma lubbu’uun jiranuun abbaayaa dhakaa bobe’uun gubattutti qolaanfamane. 21 Worri hafanelle, shallaagaa afaan ka farda irra tee’eeruu keessaa bayuun ijjeefamane; allaattiin sun marti foon isaanii nyaattee quutte.