Pular para o conteúdo
Publicidade

Mudhii Yohaannisii 7

Kolbaan Israa’elii 144,000 Mallatteeffante

1 Kanaan duuba ergantooti Waaqaa arfan, moggaa lafaa arfanuu dhaabbatanee, akka lafatti yookiin abbaaya’atti, yookiin muka kamille’etti qilleensi hin dhoonne, qilleensa maddii arfanii dhoogganuun dhagge. 2 Achiin duuba ergamaan Waaqaa ka dhibiin ka chaappaa Waaqa jiraata’aa qabu gara aduun baatuun dhufuun dhagge; innille, ergantoota Waaqaa arfan, ta akka lafaa fi abbaayaa miidhanuuf baalliin isaanii kennanteen, qoonqoo ol qabatee, 3 «Adda tajaajiltoota Waaqa keennaatitti haga chaappaa dhoonnu, lafa yookiin abbaayaa, yookiin mukoota hin miidhina’a» jedhee iyye.

4 Ani laakkossa worra chaappaan itti dhowameelle dhage’e; worri gosa Israa’elii mara keessaa chaappa’aan dhowame kuma dhibba tokkoo fi kuma afurtamii afur. 5 Gosa Yihudaa keessaa kuma kudha lama, gosa Ruubenii keessaa kuma kudha lama, gosa Gaadii keessaa kuma kudha lama, 6 gosa Aseerii keessaa kuma kudha lama, gosa Niftaalemii keessaa kuma kudha lama, gosa Minaase’ee keessaa kuma kudha lama, 7 gosa Shimi’oonii keessaa kuma kudha lama, gosa Lewwi’ii keessaa kuma kudha lama, gosa Yisaakorii keessaa kuma kudha lama, 8 gosa Zebuloonii keessaa kuma kudha lama, gosa Yoseef keessaa kuma kudha lama, gosa Beniyaaminii keessaa kuma kudha lamatti chaappaan dhowame.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também