36 Qachaa Yophee keessa dubartittiin dhugeeffattuun, Xaabiitaa jedhantu takka jirtiiyyu. Maqaan isi’ii afaan Giriikiitiin Dorqa’a; hiikkaan, «Buddannee» jechu’u. Isiin yennaa mara hujii dansaa hujaa, hiyyeeyyii qarqaaraa turte. 37 Yennaa san isiin dhibantee duunaan, reeffa isi’ii dhiqanee kolloo mana gubba’atti ijaarantee keessa irkisane. 38 Liidaan Yophe’etti dhikoo waan teeteef, dhugeeffattooti Pheexroos Liidaa keessa akka jiru yennaa dhage’ane, nama lama gara isaa erganee, «Maganne’ee ariifadhuutii gara keenna koy» jedhanee kadhatane. 39 Maarre Pheexroos ka’ee isaan woliin deeme; yennaa inni achi geye, gara kolloo mana gubbaa jirtuu isa geessane. Haadhotiin hiyyeessaa duudiin isatti naannowanee, hidho’oo fi uffana Dorqaan jiru’uun yennaa jirtu hojjatte itti mudhisaa bowane.
Publicidade