10Afaanuma tokkocha keessaa galataa fi abaarsi baya; obboleeyyan tiyya! Kun te’uu hin malle.
13Isin keessaa qarichaa fi hubataan eennu? Inni le’ii ifii dansa’aan, waan ifi gadi qabiisaa fi qaroomaan hujuun mudhisuu ti.
14Gadhaa keessan keessatti hinaaffaa hadhoottu’uu fi ifi jaalachuu yoo qabaattane ammoo, ifi hin jajina’a! Dhugaa irralle’etti soba hin dubbatina’a!