Pular para o conteúdo
Publicidade

Resultados da busca por "esperança"

200 resultados encontrados

  1. Provérbios 19

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 19
    Mostrando versículos 11–22 de 29

    11Qarummaan ossata namaaf kenniti;arraba tuffatanee irra dabariis ulfinna.

    16Nami ajaja eegatu jiruu ifii eegata;nami karaa Waaqaa tuffatu ammoo hin du’a.

    22Wonni nami barbaadu jaalala bara baraa ti;dharaamessa te’iisaa mannaa,hiyyeessa te’uu woyya.

  2. Atos 13

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 13
    Mostrando versículos 26–38 de 52

    26«Obboleeyyan tiyya, isin sanyiin Abrahaamiitii fi worri Yihudoota hin te’in ka Waaqa waaqonsitanu duudiin, ergaan fayyinnaa tun nu duudi’iif ergante.

    32«Nuuti waan Waaqi abbootii teennaaf waadaa gale Oduu Gammadaa isinitti hinna.

    38Tanaaf obboleeyyan tiyya, araarri cubbu’uu karaa Yesuusiitiin akka isinii lallabame beeka’a.

  3. 2 Coríntios 8

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 8
    Mostrando versículos 1–17 de 24

    1Obboleeyyan tiyya! Badhaadha Waaqi wolde’oota kiristaana lafa Maqedooniya’aatiif kenne akka beettanu barbaanna.

    8Maarre quxiquxamiisa worri dhibiin kenniisaaf qabu keessaniin wol bira qabee ilaaliisaan, jaalaltiin teessan ta dhuga’aa akka teete mirkaneessiisaaf jedheeti malee, isin ajajiisaafii moti.

    17Tiitoos waan nuuti isa kadhanne qofaaf adoo hin te’in, fedhii ifiitiin ka’ee gammadaan gara keessan dhufe.

  4. 1 Coríntios 7

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 7
    Mostrando versículos 1–26 de 40

    1Marroo gaaffii gara kiyya barreessitanee dhiirti dubartii adoo fuudhuu dhaddee dansa’a.

    20Nami tokko tokkoonuu akka yennaa Waaqi isa waame jirutti le’uu qaba.

    26Yennaan amma keessa jirru rakkittuu waan iteeteef, nami akkuma jirutti adoo le’e dansaa natti fakkaatti.

  5. Mateus 28

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 28
    Mostrando versículos 4–20 de 20

    4Worri eegu ergamaa Gootta’aa waan sodaateef hollatanee28:4Hollatanee: Rommanee akka nama du’ee te’ane.

    5Ergamaan Gootta’aa ammoo dubartootaan, «Hin sodaatina’a; isin ka fannifame Yesuus akka barbaaddanu ani hin beeka.

    20Waan ani isin ajaje maralle akka eegatanu barsiisa’a. Anille yennaa mara haga muummee biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.

  6. Tiago 5

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 5
    Mostrando versículos 4–19 de 20

    4Caqasa’a! Worra fichaa keessan haamaa ooleef mindaan isin kaffaluu dhaddane isin irratti iyyiisatti jira; Goottaan Waan Mara Dade iyyansa isaanii dhage’eera.

    5Isin qanani’ii fi gammadaan lafa irra leetaneertan; guyyaa itti qalantanuuf ifi gabbifattaneertan.

    19Obboleeyyan tiyya! Isin keessaa nami tokko dhugaa irraa goreeruun, nami dhibiin dhuga’atti yoo isa deebise,

  7. Efésios 3

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 3
    Mostrando versículos 17–21 de 21

    17Karaa dhugeeffanna’aatiin Kiristoos gadhaa keessan keessa akka qubatu ani hin daadimadha. Ani akka isin jaalalaan hiddaa fi hundee qabaattanu daadimadha.

    18Jaalalli Kiristoosii hagam akka badhatuu fi dheeratu, hagam akka ol fagaatuu fi gad fagaatu, akka isin kolbaa Waaqaa mara woliin hunna hubanti’ii qabaattanu,

    21Karaa wolde’a kiristaanaatii fi karaa Kiristoos Yesuusiitiin bara baraan ulfinni Waaqaaf te’u! Ameen.

  8. Filipenses 1

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 1
    Mostrando versículos 16–21 de 30

    16Worri jaalala dansa’aan Kiristoos lallabu, akka ani Oduu Gammadaatiif falmatiisaaf as keyameeru hin beeka.

    18Womaa moti! Fakkeessiisaanille te’ee, dhuga’aanille te’u karaa maraan Kiristoos lallabameera! Ani kanatti hin gammada. Haganaa achille ittuma hin gammada;

    21Maarre jiruu jechuun naaf Kiristoosiin le’iisa, duutille bu’aa tiyya.

  9. Gênesis 36

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 36
    Mostrando versículos 27–41 de 43

    27Ilmaan Ezerii: Bilhaa, Zaawaanii fi Aqaan.

    28Ilmaan Diishaanii: Uzii fi Aaraan.

    41Oholiibaamaa, Elaa, Phiinon,

  10. Hebreus 7

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 7
    Mostrando versículos 4–22 de 28

    4Abbaan sanyii teennaa Abrahaam waan booji’e keessaa, kudhan keessaa tokko eega isaaf kenne, nami kun attam guddaa akka te’e ilaala’a!

    7Diqqaan gudda’aan eebbifamiis mama hin qabu.

    22Sababa kakuu tanaatiin Yesuus gondooroo caaltu’uuf wobii te’eera.

  11. 1 Crônicas 29

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 29
    Mostrando versículos 8–18 de 30

    8Worri dhakaa gatii guddo’oo qabanu, ka qabeenna Galma Waaqaa eegu Yehii’elii Geshoonichatti kennane.

    17Waaqa kiyya, ati gadhaa namaa akka qorqortuu fi yaada qajeela’atti akka ati gammaddu ani hin beeka. Tanaaf, ani waan kana maraayyuu fedha kiyyaan, yaada qajeela’aan kenneera; kolbaan teeti ta asitti dachaateertulle fedha ifiitiin kennansa sii kenniisaaf attam akka gammadelle ani dhaggeera.

    18Ee Mootii Waan Maraa Waaqa abbootii teenna ta durii ka Abrahaamii, ka Yisihaqii, ka Israa’elii yaada kolbaan teeti sii kennite kana haga bara baraa gadhaa isaanii keessatti isaaniif eegi; akka si’iif addatamanulle godhi.

  12. Salmos 81

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 81
    Mostrando versículos 1–9 de 16

    1Waaqa jabeenna keenna te’eef,qoonqoo guddo’oon faarsa’a;Waaqa Yaaqoobiitiif ilillisa’a.

    8Ee kolbaa tiyya,yennaa ani ifi isin eeggachiisu dhage’a’a;ee Israa’el, adoo naaf dhageettanee jiraattanee,attam attam dansa’a!

    9Waaqoti alagaan odduu teessan hin jiraatin;waaqota ormaaf hin sagadina’a.

  13. Colossenses 2

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 2
    Mostrando versículos 17–20 de 23

    17Isaan kun waan gara duraa dhufuuf akka gaaddiddu’uu ti; dhugaan ammoo Kiristoos keessa jirti.

    18Nami sobee ifi gadi qabiisaa fi ergantoota ol-gubba’aa waaqonsiisaan ifi jaju, worra gatii hin qanne akka isin hin goone ifi eegadha’a; nami akkasii kun marroo mudhii dhagguutiif ifi saadee, waan gatii hin qanneef yaada fooniitiin ifi jaja.

    20Eega Kiristoos woliin duutanee, ayyaanota gubba’aa fi lafa bulchanu jalaa bilisa baatane, maaf akka waan ka biyyaa lafaa teetaneetitti leetan ree? Maaf seera,

  14. Jeremias 10

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 10
    Mostrando versículos 1–23 de 25

    1Ee, kolbaa Israa’elii, waan Mootiin Waan Maraa isinitti dubbattu dhage’a’a!

    22Caqasa’a! Oduun dhufiisatti jirti.Kunoo gara lafa kaabaatii hogaan guddaan hin dhufa.Hogaan sun qachoota Yihuda’aa onsee,addee jeedalti leetu hin godha.

    23Ee Mootii Waan Maraa!Jiruun namaa tama isaa akka hin te’in ani hin beeka;nami ideensa ifii ifumaan qajeelchuu hin dande’u.

  15. Lucas 22

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 22
    Mostrando versículos 27–63 de 71

    27Ka caalu eennu? Ka sagalee areerratiisaaf tee’u moo, ka areeru? Ka areerratiisaaf tee’uu motii? Ani ammoo isin oddu’utti akka areertu’uu ti.22:27 Yoh. 13:12-15

    49Worri Yesuus woliin jiranu waan te’aaru yennaa dhaggane, «Gootta’a, shallaaga’aan dhoonnuu?» jedhane.

    63Worri Yesuus qabanee eegiisatti jiranu itti taphatanee dhaanane.

  16. Jó 21

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 21
    Mostrando versículos 4–26 de 34

    4«Ani nama komadhaa ree?Maaf ossa hin dhanne ree?

    16Qananummaan isaaniiharkuma isaanii keessa jirtii motii ree?Maarre ani yaada worra hama’aa hin fudhadhu.

    26Isaan lamaanuu du’anee awwaalamaneecorroxxille itti duuddi.

  17. Provérbios 8

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 8
    Mostrando versículos 22–34 de 36

    22«Mootiin Waan Maraa,hujii ifii ta durii durii san maraan dura,ana qarummaa dade.

    32«Ammalle ilmaan tiyya, na caqasa’a;worri karaa kiyya eegatu ka gammade.

    34Nami na caqasu,ka guyyuma guyya’aanbalbala tiyya duratti dammaqee,karaa balbala tiyyaa duratti na eegatuka gammade.

  18. 1 Coríntios 16

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 16
    Mostrando versículos 13–24 de 24

    13Dammaqa’a; dhugeeffanna’aan jabaadha’aa dhaabbadha’a; jajjabaadha’aa, jabaadha’a.

    14Waan hujjanu mara jaalalaan huja’a.

    24Jaalalli kiyya karaa Kiristoos Yesuusiitiin isin duudii woliin jiraatu. Ameen.

  19. Isaías 28

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 28
    Mostrando versículos 3–24 de 29

    3Kallachi namoota Efreemii ka worri machowu ittiin kooru, miilaan irra sirbama.

    23Caqasa’a; qoonqoo tiyya dhage’a’a; waan ani jedhulle qalbeeffadha’a.

    24Qonnaan bulaan, fichaa ifii yennaa mara qotaa ree? Inni quqquuqaa bubbutuchaa, yennaa mara lafa laaffisaa ree?

  20. Romanos 2

    Kitaaba Woyyuu
    Capítulo 2
    Mostrando versículos 5–19 de 29

    5Ati ammoo mataa jabinnaa fi yaada cubbuu irraa hin deebine hin qadda. Yennaa mufi’ii fi muraan Waaqaa balchittiin mudhattuuf adabbii teeti kuufatiisatti jirta.

    16Maarre, akka Oduu Gammadaa ani lallabuutitti, yennaa Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan dhossa’a ka namooti hujane maratti muru tun teeti.

    19Worra balla’aaf sooressa, worra dukkana keessa jiruuf ifa akka teete ifi addatta;

Léxico (correspondência exata) Semântico (correspondência relacionada) Versículos omitidos Contexto do capítulo