8 Daani’el sagalee mootichaa nyaatiisaan, daadhii woyni’ii isaalle uniisaan akka ifi hin batteessine murteeffate; maarre akka ifi hin batteessineef, yaada kana akka isaaf eeyyamuuf Ashefenaaz gaafate.
16 Maarre namichi isaan eegu sun, guyyaa saniin jalqabee, sagalee dansa’aa fi daadhii woyni’ii akka unanuuf ta mana mootumma’aa irraa isaaniif kennantu dhooggee, waan ficha’atti dhaabamu callaa isaaniif kenne.