4 Dhalooti tokko hin dabara; dhalooti hin dhufa. Latti ammoo haga bara baraa hin jiraatti. 5 Aduun hin baati, hin seentille’e; gara addee baateetitti deebi’iisaaf hin ariifatti. 6 Qilleensi gara kibbaa dhowa; gara kaabaalle hin deebi’a. Maree, maree gara dhufetti hin deebi’a. 7 Lagi martinuu gara abbaaya’aa yaa’an; te’uu malee abbaayaan ijjumaa hin guuttu. Lagooti sun gara addee dhufanee, ammalle achitti hin deebi’an.
Publicidade