Karaa Kiristoosiitiin Tokko Te’uu
11 Isin worri dhalootaan worra Yihudootaa hin te’in, Yihudoota harka namaatiin haqanqabaa qabattee, «Haqanqabaa qabanneerra» ifiin jettuun, «Worra haqanqabaa hin qabatin» jedhantanee waamamaa akka turtane qaabadha’a. 12 Isin yennaa san Kiristoos irraa gargar baatanee, kolbaa Israa’eliitiif alagaa teetanee, gondooroo addii Waaqi kenneetiif orma teetanee, biyya lafaa tana keessatti addi’ii fi Waaqa malee akka leetane qaabadha’a. 13 Amma ammoo, isin worri dur fagaattanee turtane, Kiristoos Yesuus woliin tokkummaa qabaachu’uun, dhiiga Kiristoosiitiin dhikaattaneertan.