24 Muuseen yennaa guddate, dhugeeffanna’aan ilma intala Fara’oonii jedhamee waamamuu dide. 25 Inni yennaa gabaaddu’uuf gammada cubbu’uutiin gammadu’uun irra, kolbaa Waaqaa woliin rakkatuu filate. 26 Gatii gara duraa fudhatu waan ilaaleeruuf, marroo Masiihiitiif11:26Masiihiitiif: Kiristoosiitiif salphatuun, karra biyya Gibxiitiin irra, ta caaltu akka teete yaadate.