Waaqi Abbaa Keenna
1 Maarre dhugaa baatota akka duumensaa adaala keenna naannessane kana mara waan qannuuf, kowa’a waan ba’aa nu irratti te’e maraa fi cubbuu nu’utti maxxante ifi irraa balleessinee, doggommii rukkee nu dura jirtuu ciniinnannee ossatiisaan rukkinna. 2 Nuuti jalqaba’aa fi muummessaa dhugeeffannaa teennaa ka te’e Yesuus ilaaliisaan rukkinna; inni waan gammadi fuula isaa dura jiruuf, salphinna fannoo irratti du’iisaa adoo woyitti hin laakkowin, rakkinnaa fi du’a fanno’oo ossatee midda barcumaa mootumma’aa ka Waaqaatitti tee’e.
3 Yoona akka hifattanee addii hin kutanne, mormii cubbaaleyyi’ii tana mara ka ossate Yesuus ilaala’a.