17 Sooreyyii teessaniif ajajama’a; baallii isaaniitille’een jalatti bula’a; isaan baallii Waaqaan itti gaafatamanu waan qabanuuf, lubbuu teessan jabaatanee tissan; yoo isin isaaniif ajajantane, isaan kana gammadaan hujan; yoo akkas hin te’in, gaddaan hujan; kun isiniif dansa’aa moti.
Publicidade