Pular para o conteúdo
Publicidade

Hebreus 8

6 Amma ammoo, gondooroon Yesuus wodhakkaa namaatii fi Waaqaa itti te’e, ta waadaa caalu irratti hundeeffante, akkuma Gondooroo Qaraa caaltu, tajaajilli isaaf kennamelle caala’a.

7 Gondooroon duraa ta komii hin qanne adoo teete, gondooroon lammeesso’oo sila hin barbaachittuuyyu. 8 Waaqi kolbaa ifii irratti balleessaa dhaggee,

«Kunoo, guyyaan ani kolbaa Israa’eliitii fi kolbaa Yihuda’aa woliin,

gondooroo haareya gondooru hin dhufajedha Goottaan.

9 Gondooroon tun,

ta akka yennaa biyya Gibxiitii harka qabee isaan baase,

abbootii isaanii woliin gondooreetii moti;

waan isaan gondooroo tiyyatti hin jabaatiniif,

anille xiyyeeffannaa isaaniif hin kenninejedha Goottaan.

10 Yennaa saniin duuba,

kolbaa Israa’elii woliin gondooroon ani gondooru,

Seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya;

gadhaa isaanii keessalle’etti hin barreessa.

Ani isaaniif Waaqa hin te’a;

isaanille kolbaa tiyya hin te’an;

ta jettujedha Goottaan.

11 Nami tokkolle ollaa ifiitiin yookiin obboleessa ifiitiin,

Goottaa beeki! Jedhee hin barsiisu;

diqqa’aa haga gudda’aatitti martinuu na beekan.

12 Yakkaa isaaniille isaaniif hin araarama,

cubbuu isaaniille haganaa achi hin qaabadhujedheera» jedhe.

13 Yoona Waaqi, «Gondooroo haareya» jedhee dubbatiisaan, gondooroo duraa dulloonseera jechu’u; wonni dulloomee fi moofoye maraa badiisa geyeera.

Veja também