Publicidade

Jeremias 31

31 «Barri ani kolbaa Israa’eliitii fi Yihuda’aa woliin gondooroo haareya godhadhu hin dhufa. 32 Gondooroon tun ta akka gondooroo yennaa abbootii isaanii biyya Gibxi’ii keessaa baasiisaaf, harka qabee isaan sooresseetii moti; ani abbaa manaa isaanii te’ulle isaan gondooroo tiyya waan diiganeef ani dudda isaanitti gale. 33 Gondooroon ani bara san kolbaa Israa’elii woliin godhadhu ta asii gad jirtu tana: ani seera kiyya qalbii isaanii keessa hin keya; gadhaa isaanii keessalle’etti hin barreessa. Ani Waaqa isaanii hin te’a; isaanille kolbaa tiyya hin te’an. 34 Ani yakkaa isaanii isaaniif hin araarama; cubbuu isaaniille deebi’ee isaanitti hin laakkowu; isaan marti diqqa’aa haga gudda’aatitti na waan beekanuuf, haganaa achi nami tokko ollaa ifii yookiin fira ifii, Mootii Waan Maraa beekijedhee hin barsiisu» jedha.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-