Publicidade

Josué 1

7 Atummaan jabaadhuu, jajjabaadhu! Seera Muuseen tajaajilaan kiyya si ajaje duudi’iif ajajamuu keeti mirkaneeffadhu. Addee dhaxxu maratti wonni marti qajeelaan akka sii teetu Seera kana irraa gara middaatitti yookiin gara bita’aatitti hin gorin. 8 Kitaab Seeraa kun afaan keeti keessaa hin dhabamin. Waan isa keessatti barreeffame duudii akka muummessitu, halkanii fi guyyaa isa yaadadhu; yoo tana goote, wonni marti qajeelaan sii teeti. 9 Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti, Addee ati dhaxxu maratti si woliin waan jiruuf jabaadhuu, jajjabaadhu, hin sodaatin, hin nayinille’e!jedhee si ajajee hin jiruu?» jedhe.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_12-11-46-