Dammaqa’aa Ifi Eegadha’a
34 Yesuus itti aansee, «Akka malee nyaataa fi machi’iin yookiin jireenna lafa tanaatiif yaadaa, yennaa teessan balleessitanuun, guyyaan sun akka tiyyo’oo dedhuma akka isin hin qanne ifi eegadha’a! 35 Guyyaan sun kolbaa lafa duudii irra leetu maraa irratti hin dhufa. 36 Waan te’uuf jiru maraa jalaa bayiisaa fi Ilma Namaa dura dhaabbatiisaaf akka dandeettanu, ifi eegadha’aa, yennaa mara daadimadha’a!» jedhe.