Dhaloota Yesuus Kiristoosii
18 Dhalooti Yesuus Kiristoosii akkana. Haati isaa Maariyaamiin Yoseefiif kadhatanteertu adoo isaan wol bira hin geyin dura, Ayyaana Woyyichaan ulfoottee dhaggante. 19 Yoseefiin isii kadhateeru sun nama balchaa waan te’eef, kolbaa duratti Maariyaamii qaanessuu hin barbaanne; maarre dhokaataan isii lakkisiisaaf yaade. 20 Adoo inni tana yaadiisatti jiruu, ergamaan Waaqaa oojju’uun isatti mudhatee, «Yoseefii sanyii Daawitii! Maariyaamiin ati kadhatteertu, Ayyaana Woyyichaan waan ulfootteertuuf, akka niitii teeti teetu gara mana keetii fudhatiisaaf hin sodaatin. 21 Isiin ilma hin deetti; inni waan kolbaa ifii cubbuu irraa fayyisuuf, maqaa isaa, ‹Yesuus› jettaan» jedheen.