Woliif Araaramuu
21 Achiin duuba Pheexroos gara Yesuusii dhikaatee, «Gootta’a, obboleessi kiyya yoo na yakke, yennaa meeqa araaramaaf? Yennaa torbaa?» jedheen. 22 Yesuus deebisee, «Ani haga yennaa torbaatamii torbaa18:22Woraabbiin gariin «Yennaa torbaatama yennaa torba» jedha ti malee, haga yennaa torbaati si’iin hin jedhu.
23 «Waan kanaaf mootummaan ol-gubba’aa mootii herrega hojjattoota isaa irra jiru herregatiisaaf barbaade tokko fakkaatti. 24 Inni yennaa herreguu jalqabe, nama inni beenyaa beesee irraa qabu tokko itti fidane. 25 Innille kaffaluu dadhabee jennaan, goottaan isaa akka inni niitii ifii, ijoollee ifiitii fi waan qabu mara woliin gurguramee beenyaan kaffalamu ajaje. 26 Maarre hojjataan sun miila isaatitti jigee, ‹Naa ossadhu, anille waan maraa sii hin kaffala› jedhee kadhate. 27 Goottaalle isaaf nayee, beenyaa isaalle lakkiseefii, akka deemuuf gad lakkise. 28 Hojjataan sun ammoo, akkuma gad bayeen, hojjatuma akka isaa meetii dhibba tokko beenyaa irraa qabutti bayee, hudheelle isa qabee, ‹Beenyaa kiyya naaf deebis› jedheen. 29 Achiin duuba hojjataan akka isaa sun gad jigee, ‹Naa ossadhu, ani sii kaffala› jedhee isa magannifate. 30 Inni ammoo dide; achiin duuba qabee dhaqee haga inni beenyaa isaa kaffalutti mana hidha’aatitti galchisiise. 31 Hojjattooti akka isaa worri dhibiin yennaa waan te’e kana dhaggane, guddoo gaddanee, waan te’e san mara goottaa isaaniititti himane. 32 Achiin duuba goottaan isa waansisee, ‹Ati hojjataa hamaalessa! Waan na magannifatteef ani beenyaa san mara sii lakkise. 33 Akkuma ani si mararfadhe, atille hojjataa akka keetii mararfatu’uu hin mallee ree?› jedheen. 34 Aari’iin goottaan isaa haga inni beenyaa isa irra jiru mara kaffalutti worra isa rakkisutti dabarsee kenne.
35 «Maarre isinille gadhaa tokkoon obboleessa keessaniif yoo hin araaramin, tokkoo tokkoo keessan Abbaan kiyya ka ol-gubbaa jirulle akkasuma hin godha» jedhe.