22 Qaroolee ifiin jedhan, ammoo isaan gowwoole’e; 23 ulfinna Waaqa hin duuneef kennuu malane, fakkii nama du’uutiif yookiin sinbirrootaatiif yookiin bineensota miila afuriitiif yookiin bineensota lafa irra lowanuutiif kennane.
24 Tanaaf akka isaan nafa wolii irratti waan fokkisiisu godhanuuf, halchaa isaanii badduu ta battumma’aan guutanteef akka bitamanu Waaqi dabarsee isaan kenne. 25 Sababille isaan dhugaa Waaqaa dharatti jijjiirane; Waaqa dade waaqonfatiisa irra waan Waaqi dade waaqonfatanee tajaajilane; Waaqi ammoo haga bara baraa ka galateeffame! Ameen.
26 Isaan kana waan hujaneef, Waaqi halchaa fokkisiittuuf dabarsee isaan kenne. Dubartiin isaanii aadaa malee dubartii woliin sagaagalte. 27 Akkasuma dhiirtille wol qunnamtii aada’aa ta dubartii woliin gootu lakkittee, halchaa wol woliitiin gubatte. Tanaaf dhiirti dhiira woliin waan fokkisiisu goote; hujii badduu ifiitiif adabbii malte ifitti fidane.