10 Ati maaf obboleessa keetitti murta ree? Maaf obboleessa keeti tuffatta ree? Nuuti martinuu barcumaa muraa Waaqaa dura hin dhaabbanna.14:10 2 Qor. 5:10 11 Sababille Barreeffam Woyyichi,
«‹Dhugumaan Ani Waaqa jiraata’a! Nami marti na duratti hin jilbiiffata;
arrabi martinuu akka ani Waaqa te’e dhugaa baasee hin dubbata› jedha Goottaan» jedha.
12 Maarre tokko tokkoon keenna waan gooneef Waaqaaf deebii hin kennina.