Dhugeeffanna’aa Fi Hujii
14 Obboleeyyan tiyya! Nami tokko, «Ani dhugeeffannaa qaba» jedhee, hujii dansa’aan dhugeeffannaa ifii yoo hin mudhisin, maan isaa baati? Dhugeeffannaan akkasii sun isa fayyisuu hin dandeettii? 15 Obboleeyyan yookiin obboleettoti, waan uffatanuu fi nyaatanu hin qanne yoo jiraatane, 16 isin keessaa nami tokko, waan le’ii isaaniitiif barbaachisu adoo hin kenniniif, «Nageyaan deema’a, hin boojjatina’a, quufa’a!» yoo jedheen, maan isaaniif baati? 17 Maarre dhugeeffannaan hujii dansaa hin qanne ta duute.