6 «Ani kolbaa Yihuda’aa hin jabeessa;
kolbaa Israa’eliille hin fayyisa.
Ani isaaniif waan nawuuf,
akka duriititti isaan hin deebisa.
Isaan akka ani tanaan qara
ijjumaa isaan lakkisee hin beennee hin te’an.
Ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii waan te’eef,
daadimata isaanii hin dhage’a.