9 Isin akka jalʼoonni mootummaa Waaqaa hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri Waaqa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan, 10 yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Waaqaa hin dhaalan. 11 Gariin keessan akkas turtan. Taʼus isin maqaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosii fi Hafuura Waaqa keenyaatiin dhiqamtaniirtu; qulqullooftaniirtu; qajeeltotas taasifamtaniirtu.
Publicidade