9 "Yaa ilma koo Solomoon atis Waaqayyo Waaqa abbaa keetii beekii garaa tokkoo fi qalbii fedhii qabuun isa tajaajili; Waaqayyo waan garaa namaa keessa jiru hunda qoree karooraa fi yaada hunda hubataatii. Yoo ati isa barbaadde inni siif argama; yoo ati isa dhiifte garuu inni bara baraan si dhiisa.