22 Egaa isin waan akka obboloota keessaniif jaalala dhugaa qabaattaniif jettanii dhugaadhaaf ajajamuun of qulqulleessitaniif, cimsaatii garaa qulqulluudhaan wal jaalladhaa. 23 Isin karaa dubbii Waaqaa isa jiraatuu fi cimee dhaabatu sanaatiin sanyii hin badne irraa lammata dhalattan malee sanyii badu irraa miti.
24 "Foon hundi akkuma margaa ti;
ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa margaa ti;
margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;
25 dubbiin Gooftaa garuu bara baraan ni jiraata."1:25 Isa 40:6-8
Dubbiin kunis wangeela isinitti lallabame sana.