Ajaja Daawit Solomooniif Kenne
1 Daawit Yeroon duʼa isaa dhiʼaannaan ilma isaa Solomoonin ajaje.
2 Innis akkana jedhe; "Ani karaa lafa hundumaa deemuufan jira. Kanaafuu ati jabaadhu; namas taʼi; 3 waan Waaqayyo Waaqni kee barbaadu eegi; akka waan hojjettu hundaa fi lafa deemtu hundatti milkooftuuf akkuma seera Musee keessatti barreeffametti karaa isaa irra deemi; sirnaa fi ajaja isaa, seeraa fi dambii isaa eegi; 4 yoo ati akkas goote, Waaqayyo waan, ‘Yoo ilmaan kee karaa isaanii eeggatan, yoo isaan garaa isaanii guutuu fi lubbuu isaanii guutuudhaan amanamummaadhaan fuula koo dura jiraatan, ati teessoo Israaʼel irraa nama hin dhabdu’ jedhee na abdachiise sana fiixaan naa baasa.