Publicidade

2 Coríntios 12

7 akka ani mulʼata akka malee guddaa kanaan of hin tuulleef qoraattiin foon koo waraanu tokko, ergamaan Seexanaa akka na dhiphisuuf naa kenname. 8 Wanni kun akka narraa fagaatuuf siʼa sadii Gooftaa nan kadhadhe. 9 Inni garuu, "Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii" naan jedhe. Kanaafuu humni Kiristoos akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona. 10 Ani waaʼee Kiristoosiif jedhee dadhabbii keessatti, arrabsoo keessatti, gidiraa keessatti, ariʼatama keessatti, rakkina keessattis gammaduun koo kanumaaf. Yoos ani yeroon dadhabutti nan jabaadhaatii.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-