15 akkasumas ati ijoollummaa keetii jalqabdee Katabbiiwwan Qulqulluu kanneen waaʼee fayyina karaa Kiristoos Yesuusitti amanuutiin argamu sanaaf ogeessa si taasisuu dandaʼan akkamitti akka baratte ni beekta. 16 Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; 17 kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.