Nuuf Kadhadhaa
1 Egaa yaa obboloota, akka dubbiin Gooftaa akkuma isin biratti taʼe sana dafee iddoo hunda gaʼuu fi akka ulfinas qabaatu nuuf kadhadhaa. 2 Akka nu harka namoota hamootii fi jalʼootaa jalaa baanuufis nuuf kadhadhaa; amantii kan qabu nama hunda mitii.