Yohannis Mulʼataan Kiristoosin Arguu Isaa
9 Ani obboleessi keessan Yohannis dhiphina keessatti, mootummaa fi obsa Yesuus Kiristoos keessattis isin wajjin kan hirmaadhu sababii dubbii Waaqaatii fi sababii dhuga baʼumsa Yesuus Kiristoosiif Phaaximoos biyya bishaaniin marfamte irran ture.