Hoolichaa fi Namoota 144,000
1 Anis nan ilaale; kunoo, Hoolichi Tulluu Xiyoon irra dhaabachaa ture; namoonni 144,000, kanneen maqaan isaatii fi maqaan Abbaa isaa adda isaanii irratti barreeffames isa wajjin turan. 2 Anis sagalee akka sagalee bishaan baayʼeetii fi akka sagalee kakawwee guddaa samii irraa nan dhagaʼe. Sagaleen ani dhagaʼe sunis akka sagalee baganaa kan namoonni baganaa taphatan dhageessisanii ture. 3 Isaanis fuula teessichaa duratti, fuula uumamawwan lubbuu qabeeyyii afraniitii fi fuula maanguddootaa duratti faarfannaa haaraa tokko faarfatan. Faarfannaa sanas namoota 144,000 warra lafa irraa furaman sana malee namni tokko iyyuu barachuu hin dandeenye. 4 Isaan kunneen waan qulqullinaan of eegganiif warra dubartootaan of hin xureessinii dha. Isaanis iddoo Hoolichi dhaqu hundumatti isa duukaa buʼu. Sanyii namaa keessaas hangafa taʼanii Waaqaa fi Hoolichaaf ni furaman. 5 Sobni tokko iyyuu afaan isaanii keessatti hin argamne; isaan mudaa hin qaban.