13 Ergasii afaan bineensa jawwee fakkaatu sanaa keessaa, afaan bineensichaa keessaa fi afaan raajii sobaa keessaa hafuuronni xuraaʼoon fattee fakkaatan sadii utuu baʼanuu nan arge. 14 Isaanis hafuurota hafuura hamaa kanneen hojiiwwan dinqii hojjetanii dha; isaanis lola guyyaa guddichaa kan Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaatiif walitti isaan qabuuf gara mootota addunyaa hundaatti kan baʼanii dha.
15 "Kunoo, ani akka hattuutti nan dhufa! Namni akka qullaa hin deemneef, akka qaaniin isaas hin mulʼanneef dammaqee uffata isaa eeggatu eebbifamaa dha."
16 Isaanis iddoo afaan Ibraayisxiitiin Armaageedon jedhamutti mootota sana walitti qaban.