Pular para o conteúdo
Publicidade

Mulʼata 19

Loltuun Samii Bineensicha Moʼachuu Isaa

11 Anis samii baname nan arge; kunoo, farda adii tokkotu ture; inni farda sana yaabbatus Amanamaa fi Dhugaa jedhama. Innis qajeelummaadhaan murteessa; waraana kaasas. 12 Iji isaa akka arraba ibiddaa ti; mataa isaa irras gonfoo baayʼeetu jira. Innis maqaa isa irratti barreeffame kan isa malee namni tokko iyyuu hin beekne tokko qaba. 13 Innis uffata dhiiga keessa cuuphame tokko uffata; maqaan isaas Dubbii Waaqaa jedhama. 14 Loltoonni samii irraas uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame adaadii fi qulqulluu uffatanii, fardeen adaadii yaabbatanii isa duukaa buʼan. 15 Afaan isaa keessaas goraadee qaramaa inni ittiin saboota dhaʼu tokkotu baʼa; "Innis bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha."19:15 Far 2:9 Iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaas ni dhidhiita. 16 Innis uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti maqaa barreeffame tokko qaba; maqaan sunis akkana jedha:

Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa.

17 Ergamaa tokkos utuu inni aduu irra dhaabatuu nan arge; innis sagalee guddaadhaan simbirroota samii walakkaa barrisanitti akkana jedhee iyye; "Kottaa, irbaata Waaqaa isa guddaaf walitti qabamaa; 18 kunis akka isin foon moototaa, foon ajajjoota waraanaa, foon namoota jajjaboo, foon fardeeniitii fi foon warra farda yaabbatanii akkasumas foon nama hundaa jechuunis foon nama birmaduu taʼeetii fi garbaa, foon xinnaatii fi guddaa nyaattaniif."

19 Yeroo sanas bineensichi, mootonni lafaatii fi loltoonni isaanii namicha farda yaabbatu sanaa fi loltoota isaatti waraana kaasuuf jedhanii utuu walitti qabamanuu nan arge. 20 Bineensichi garuu ni qabame; raajichi sobaa kan fuula bineensichaa duratti hojiiwwan dinqii hojjechaa ture sunis isa wajjin qabame. Innis hojiiwwan dinqii kanneeniin warra mallattoo bineensichaa fudhatanii fi warra fakkii isaatiif sagadan ni gowwoomse. Isaan lachuu utuma lubbuun jiranuu haroo ibiddaa kan dinyiidhaan bobaʼu keessatti gad darbataman. 21 Warri hafan immoo goraadee afaan isa farda yaabbatu sanaa keessaa baʼeen ajjeefaman; allaattiin hundinuus foon isaanii nyaatanii quufan.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também