Samii Haaraa fi Lafa Haaraa
1 Anis ergasii samii haaraa fi lafa haaraa21:1 Isa 65:17; 2Ph 3:13 nan arge; samiin duraatii fi lafti duraa sun badaniiruutii; galaannis siʼachi hin jiraatu.
27 Warra maqaan isaanii kitaaba jireenyaa kan Hoolichaa keessatti galmeeffame malee wanni xuraaʼaan tokko iyyuu yookaan namni waan jibbisiisaa hojjetu yookaan namni nama sobu kam iyyuu magaalaa sana hin seenu.