Eedin Lagni Jireenyaa Iddoo Isaatti Deebifamuu Isaa
1 Ergamaan sunis laga bishaan jireenyaa, qulqulluu akka bilillee kan teessoo Waaqaatii fi Hoolichaa keessaa burqu tokko natti argisiise; 5 Siʼachi halkan hin jiru. Ifni ibsaa yookaan ifni biiftuu isaan hin barbaachisu; Waaqni Gooftaan ifa isaaniif kennaatii. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼu.