Pular para o conteúdo
Publicidade

Mulʼata 6

Chaappaawwan Torba

1 Anis yommuu Hoolichi chaappaawwan torban keessaa isa jalqabaa banu nan arge. Ergasiis uumamawwan lubbuu qabeeyyii keessaa inni tokko sagalee akka kakawweetiin, "Kottu!" jechuu isaa nan dhagaʼe. 2 Anis nan ilaale; kunoo, fardi adiin6:2 Fardi adiin – fakkeenya boojuu fi moʼannaa ti. tokko fuula koo dura ture! Inni farda sana yaabbates iddaa harkatti qabatee ture; gonfoonis ni kennameef; innis moʼachaa, ammas moʼachuuf baʼe.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também