3 Yommuu Hoolichi chaappaa lammaffaa banettis uumamni jiraataan inni lammaffaan, "Kottu!" jechuu isaa nan dhagaʼe. 4 Fardi biraa daamaan6:4 daamaan – bifa ibiddaa kan waraana qofa utuu hin taʼin akka qalamuunis waraana keessa jiru argisiisuu dha. tokkos ni dhufe. Isa fardicha yaabbatuufis akka inni nagaa lafa irraa balleessuu fi akka namoonni wal gorraʼan akka godhuuf humni kennameef; goraadeen guddaan tokkos ni kennameef.
Publicidade