Pular para o conteúdo
Publicidade

Mulʼata 7

Namoonni 144,000 Chaappeffaman

1 Ergasiis ani utuu ergamoonni afur golee lafaa afran irra dhaabatanii akka bubbeen lafatti yookaan galaanatti yookaan muka kamitti iyyuu hin bubbifne bubbee lafaa afran dhowwanuu nan arge. 2 Ergamaan chaappaa Waaqa jiraataa qabu kaan immoo utuu karaa baʼa biiftuutiin ol baʼuu nan arge. Innis ergamoota afran akka isaan lafaa fi galaana miidhaniif humni kennameef sana sagalee guddaadhaan waamee, 3 "Hamma nu adda tajaajiltoota Waaqa keenyaa irratti chaappaa goonutti lafa yookaan galaana yookaan muka hin miidhinaa" jedhe. 4 Anis baayʼina warra chaappeffamanii dhagaʼe: gosa Israaʼel hunda keessaa 144,000 ture.

5 Gosa Yihuudaa keessaa 12,000,

gosa Ruubeen keessaa 12,000,

gosa Gaad keessaa 12,000,

6 gosa Aasheer keessaa 12,000,

gosa Niftaalem keessaa 12,000,

gosa Minaasee keessaa 12,000,

7 gosa Simiʼoon keessaa 12,000,

gosa Lewwii keessaa 12,000,

gosa Yisaakor keessaa 12,000,

8 gosa Zebuuloon keessaa 12,000,

gosa Yoosef keessaa 12,000,

gosa Beniyaam keessaa 12,000 turan.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também