2Nama qajeelaa fi jalʼaa, nama gaarii fi hamaa, nama qulqulluu fi xuraaʼaa, warra aarsaa dhiʼeessanii fi warra hin dhiʼeessine hunda galgalli isaanii tokkuma.Waanuma nama gaarii irra gaʼutu,cubbammaa irras gaʼa;waanuma warra kakuu seenan irra gaʼutu,warri kakuu seenuu sodaatan irra gaʼa.
9Bara jireenyaa kan faayidaa hin qabne, kan Waaqni aduudhaa gaditti siif kenne kana hunda bara kee kan faayidaa hin qabne hunda keessatti haadha manaa kee kan jaallattu wajjin gammachuudhaan jiraadhu. Jireenyaa fi hojii ati aduudhaa gaditti itti dadhabde sanaaf qoodni kee kanumaatii.
7Hambaan Yaaqoobnamoota hedduu gidduuttiakkuma fixeensa Waaqayyo biraa dhufuu,akkuma tiifuu marga irraakan nama hin eegneeyookaan ilmaan namaa hin eeggannee taʼa.