Pular para o conteúdo
Publicidade

Colossenses 1

12 Waaqa Abbaa kan akka isin mootummaa ifaa keessatti qulqulloota wajjin dhaala keessatti hirmaattan isin dandeessise sana galateeffadhaa. 13 Inni taayitaa dukkanaa jalaa nu baasee gara mootummaa Ilma inni jaallatuutti nu dabarseeraatii; 14 nus isumaan furama, jechuunis dhiifama cubbuu arganneerra.

Ol aantummaa Ilma Waaqaa

15 Inni fakkaattii Waaqa hin mulʼanne sanaa ti; uumama hundaafis hangafa. 16 Wanni hundinuu isumaan uumameetii: Wanni samii keessaa fi lafa irraa, wanni mulʼatuu fi hin mulʼanne, teessoowwan yookaan humnoonni yookaan bulchitoonni yookaan taayitaawwan, wanni hundinuu isumaan, isumaaf uumaman. 17 Inni waan hunda dura jira; wanni hundinuu isumaan wal qabatee dhaabata.

Veja também

Colossenses
Ver todos os capítulos de Colossenses